Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID hojii dhaabuu hordofee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi deeggarsa biroo buqqaatotaaf taasifamu addaan kutuu isaa barreessaan olaanaa waldichaa #Abarraa_Lalisaa himan.
Obbo Abarraan akka jedhanitti dhaabbatichi pirojektoota adda addaa hojjechuuf Ejensii Gargaarsa Ameerikaa waliin waliigaltee deeggarsa mallatteessee ture, garuu yeroo ammaa pirojektoonni ijaarsa, bu’uuraalee bishaanii, fi ijaarsa gaaddisa buqqaatotaaf taasifaman dhaabbachuu isaanii hubachiisaniiru.
Waldaan kun naannoo Oromiyaa godina wallaggaa Bahaa, wallaggaa Lixaa, Qeellam wallaggaa, fi Horroo Guduruu wallaggaa keessatti walitti bu’iinsa maatii 1,500 buqqa’aniif ijaarsa dahannoo ykn bakka qubannaa buqqaatotaa ijaarsisaa kan ture sababa USAID gargaarsa adda kuteef dhaabuuf akka dirqame himame.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Fannoo Diimaa Obbo Abarraa Lalisaa akka jedhanitti dhaabbatichi murtee isaa ji’a lama keessatti akka beekisu kan hime USAID hubachiisuun yoo gargaarsi cite deebi’ee itti fufe hojiileen calqabamanii adda vital akka deebi’anii hojjetaman himan.
Obbo Abarraan akka ibsanitti, waldichi tajaajila duraan kennaa ture, keessumaa yeroo weerara vaayirasii koronaa, deeggarsa dhaabbachuu irraa kan ka’e, tajaajilli kun gara fuulduraattis itti fufuu fi dhiisuu isaa mirkanaa’inaan dubbachuun akka hin danda’amne ibsaniiru.