#Oduu_Gaddaa
Dargaggoota Afur torban kana gara calqabaa Aanaa Anfilloo Ganda Suddii jedhamuu qabamanii gara magaalaa Dambii Doollootti geeffamuun waajjira dhaabaa pp kan Naannoo waajjira Humna Ibsaa 02 tti hidhamaa turan keessaa guyyaa kaleessaa Dargaggoo Daangaa Diinaa ajjeefamee gatamuun dhagahame.
Akka maddeen nuuf himanitti mana hidhaa keessaa Fulbaana 7/2023 halkan keessa gadi baasuun bakka #Miinkoo_Leencaa jedhamutti ajjeesanii gatan.