Daba Siyaasaan Daangaa Oromiyaa Dabarfamee Kennamu Hin Eeyyamnu!
Ijoo Dubbii-ABO
Qe’een Oromoon bara baraan irra jiraataa turee fi jiru lafa Oromoo, Oromiyaa dha. Lafti Oromoon dhiigaa fi lafee isaan tikfatee asiin gahe daba siyaasaan dabarfamee daangaa ollaatti citu, Oromoo fi ummata Ollaa keenyaa obboloota keenya jidutti yoo Cittee/gara-hanquu uumee, waliin jireenya Olloomaa fi obbolummaa booressee hookkara caalu dhalchuun dhalootatti booree uume malee, bu’aa siyaasaaf jecha qumaara dhuma hin qabne bulchitoota mootummoota naannoo gamaa gamanaa fi mootummaan Federaalaa Ethiopia gaggeessuun ummanni dantaan addaa argatu kanaan duras hin turre, ammas hin jiru, boris hin jiraatu.
Manni maree Bulchiinsa mootummaa naannoo Sumaalee walgahii isaa dhaabbataa 9ffaa gaggeeffate irratti Onoota 14 daangaarra jiran bulchiinsa naannichaa bifa haaraan ijaarachuuf jiru jala galfachuuf murteesse keessaa, Mooyalee qe’ee angafticha Oromoo, Oromiyaa irraa kutuun kan isaa taasifachuu murtoo dabarsan Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) n mirkaneeffateera.
Mootummaan nannoo Oromiyaas kan harki isaa furdateef Oromoo cabsuu irratti malee Oromoo fi Oromiyaa tiksuu miti. Bulchiinsa maqaaf Oromoon jala bulaa jiru, mootummaa naannoo Oromiyaa jalatti Oromiyaan kallattii hedduun daangaan ishee sarbamee mootummaa nannoo Sumaalee jala galee jira. Addi Bilisummaa Oromoo dhimma Dirre Dhawaa fi Madda Walaabuun wal qabatee ibsa kanaan dura baase keessatti akkuma irra deddeebi’ee jechaa ture, gandoonni hedduun Onoota daangaa irra jiranii humnaan qabatamanii ummanni keenya qaama mootummaa itti himatu akka dhabe Addi Bilisuumma Oromoo dabalataan Caasaa isaa irraa mirkaneeffateera.
Akka Caasaan keenya irraa mirkaneeffachuu dandeenyetti hanga ammaatti, qe’een Oromoo kanneen akka Cinaaqsan, Hulluuqoo, Bilaalee, Araaraaf, Warraa Dodoo, Dhaweeyisaa, Qaligaa Warraa Sa’iyyoo, Darbilee, Tamaam, Caffee Baaduu, Elaa Agamsaa, Kululoo, Elaa Ahmaar, Hossoolee, Jirilee, Feraad, Dhuhlaaleyii, Gelboob jedhaman mootummaa federaalaan deeggaramee mootummaan naannoo Sumaalee humnaan of jala galchuun Alaabaa isaanii irra dhaabataniiru.
Murtoo dabaa, daba siyaasaaf jecha akka qe’ee abbaa hin qabneetti saamicha lafaa fi lafee Oromoo irratti mootummaan naannoo Sumaalee murteesse, qe’ee abbaa qabdu humnaan dhuunfachuuf abbaluu qofa osoo hin taane labsii Waraanaa ummata Oromoo irratti labsuu dha jennee fudhanna.
Dhimma daangaa Oromiyaa mootummaa naannoo Sumaaleetiin wal daangessu irratti, gochaa gar jabummaa Presedaantiin Motummaa naannoo Sumaalee duranii Abdii Illee humna addaa Sumaalee (Liyyuu haylii Sumaalee) Oromotti bobbaasuun, ilmaan Oromoo kumaatamaan daangaa Oromiyaa irraa buqqisisee ture, dhumaatii fi buqqaatiin Oromoo irra gahe, weerarri daangaa fi saamichii qe’ee fi qabeenyaa Oromoo, ummata keenya humnaan qe’ee isaa irraa buqqisuun godaantuu taasisuun bulchitoota mootummaa naannoo Sumaalee haaraa tahuu baatus, gochaan bulchitoonni Mootummaa nananoo Sumaalee har’aas gochaa jiran “Madaa Ummata Oromoo irratti Ashaboo firfirsuu dha” jenna.
Mootummaan naannoo Sumaalee badii fi balleessaa daangaa hin qabne hojjataa jiruun ilmaan obbolootaa Oromoo fi Sumaalee walitti buusee godaannisa seenaa irraa of hanbisuuf murtoon murteesse murtoo dabaa tahuu hubachuun Alaabaa Mootummaa Naannoo Sumaalee Mooyyalee Oromiyaa keessa dhaabe akka buqqisu ABOn gadi jabeessee dhaama. Kun tahuu hanqatee obboloota ollaa lamaan jiddutti adeemsa daangaa babal’ifachuu fi of ittisuutiin balaa dhalatuu fi lubbuu ummata nagahaa gaaga’amuuf kan itti gaafatamu, gaafatama seeraa fi seenaa jalaas hin baane isin bulchitoota har’aa warra dantaa Siyaasaaf jecha daba seenaa dhaloota giddutti uumatan tahuu isin hubachiifna.
Gama mootummaa naannoo Oromiyaa ofiin jedhuuf, dhaadannoon isaanii harka furdaa Oromoon cabsanii Oromoon akka Boquu ol hin qabanne gochuun aangoo siyaasa isaanii dheereffachuu malee, mootummaa ummataa ummataan ijaarame ummataaf ijaarame dhiibbaa fi dhiittaa Oromoo irra gahe irraa qolatu akka hin taane taatee yeroo dhaa yerotti kallattii cufaan weerarri daangaa qubattootaa fi saamtotaan gaggeeffamu ajandaa isaanii akka hin taane argaaa turre, ammas waan jedhan hin qaban. Bulchiinsa isanii jalatti dhiibbaa fi dhiittaa gosa hundaa Oromoo irratti raawwatamuuf kan itti gaafatamu addatti bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaati.
Mootummaan Federaalaa gama isaan, gochaan qumaara siyaasaa ittiin bexxelee ajandaa diiggaa bulchitoota Mootummaa naannoo lamaaniitti kennuun ummata lamaan wal ficisiisuuf deemu dogoggora seenaa tahuu baruun rakkoo ummata lamaan jiddutti amma dhalcheef furmaata hatattamaa akka kennu ABOn gadi jabeessee gaaffata.
Maayii irratti ummanni keenya, aggaamii gosa kamiituu deemu of irraa qolattee mirga kee kabajisiifachuuf eeyyama eenyuuyyuu gaaffachuun akka sirra hin jirre bartee kabajaa fi ulfina qe’ee kee irratti qabdu ofitti godhiin dhaamsa keenya.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 27, 2025
Finfinnee