Pireezidant Baayidan labsii wayita waraana Kaaba Itoophiyaa baasan dheeressuu beeksisan.
Pireezidantichi waggaa lama dura ALI Fulbaana 7/2014 namootaa fi dhaabbilee waraana Kaaba Itoohiyaa keessatti sarbama mirgaa raawwatanirra qoqqobbii kaahuu kan dandeessisu Labsii Pireezidantii labsan.
Labsichi waraana adeema ture san keessatti aanga’oota mootummaa Federaalaa, aanga’oota Eertiraa, qondaaltota humnoota Amaaraafi ABBUT irra qoqqobbii kaahuuf hayyama kan laatu ture.
Pireeziantichi ibsa Kamisa Fulbaana 8, 2023 baasaniin ammoo haalli ammallee Kaaba Itoophiyaa jiru nageenyaa fi tasgabbii biyyattiifi kan Gaanfa Afrikaafillee yaaddessaa ta’ee itti fufeera jedhan.
Itti dabaluunis haalichi imaammata Haajaa Alaa fi nageenya biyyaalessaa Yunaayitiid Isteets naannicha waliin hidhattee qabdurratti dhiibbaa ni qabaata jedhaniiru.
Sababa kanaattis labsiin pireezidantichi waggaa lamaaf jedhanii mallatteessaniifi Fulbaana 6 darbe goolabama jedhamee eegamaa ture, waggaa tokkoon akka itti fufu murteessuu ibsaniiru.
Baayidan bara lama dura labsii mallatteessan keessa qoqqobiin bu’ura labsichaan kaahamu dhaabbilee fi namoota dhuunfarra male uummata Itoophiyaa ykn Eertiraarratti kan xiyyeefate akka hin taane ibsaniiru.
Pireezidant Baayidan labsii kana baasuu booda ammoo Ministirri Muummee Abiy Ahimad mufii mootummaa isaanii xalayaa banaa barreessaniin ibsaniiru.
Abiy xalayaa isaanii kana keessatti michuu yeroo dheeraa Itoophiyaatii kan ittiin jedhan US ”yeroo dhiyoo as tarsiimoon hordofaa jirtu kan nama raaju qofa osoo hin taane, mirga namoomaf quuqamuurrayyuu kan ce’eedha” jedhaniiru.
Ameerikaan aanga’oota waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraarra qoqqobbii kaahuu isheen cinaatti carraa daldalaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiif mijeessitee turteefi Itoophiyaan irraa guddoo fayyadamaa turte, AGOA, keessaa akka baatus gooteetti.
Wajirri Haajaa Alaa US qoqqobbi kaahuun kan barbaachise haalli naanicha jiru akka gara nagaatti deebi’u yaaliin gochaa turte fudhatama dhabuu isaarraa kan ka’e akka ta’e ibsee ture.