Yaaliin Ajjeechaa Wellisaa Caalaa Bultumee irratti Finfinnee keessatti gaggeeffamuu dubbate.
Akka Wellisaa Caalaa Bultumee fuula miidiyaa Hawaasaa dhuunfaa isaa irratti ganama har’aa barreesseen guyyaa kaleessaa Hagayya 31/2023 gareen Maqaa Faannoon of ijaaree Ilmaan Oromoo ajjeesuuf bobbaafame Artist Caalaa Bultumee irratti miidhaa lubbuu isaa balleessuuf aggaammate konkolaataa isaa hojiin ala taasisuun beekame.
Wellisaa Caalaa Bultumee yaalii ajjeechaa sana irraa erga hafee akkas jechuun fuula miidiyaa Hawaasaa isaa irratti barreesseera.
“Yaalii Acheecha Hoteela Qananisaa Baqalaatti Guruppii faannootiin Narratti gaggeefame irraa hafeen jira.akkuma kamittuu hangan manakoo galuuttis na biraa hin hafne konkolaataan koo midhamtee jirti ani garuu lubbuun hafeen jira
Ijolleekootiif jecha nama ajjeesuu hin barbaanne”. Jechuun waan ture barreesse.