Qabsaa’aan ni du’a qabsoon itti fufa

Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qooda mul’ataa qabaachaa kan ture Obbo Faranjii Hedaa Kushanee du’aan boqote.

Lixa Oromiyaa Godina Lixa Wallaggaa Ona Begii Toongoo Giittan bakka jedhamutti bara 1934 keessa kan dhalate Obbo Faranjii Hedaa Kushanee, bara 1980ta jalqabaa keessa wayta ABOn Dirree Dhihaa saaquuf sochii irra turetti dhaabichaaf harka mirgaa ta’uudhaan gargaaraa ture. Hidhatees socho’aa ture. Nama bara ulfaattuu keessa ABO reef karaa Dhihaan gad of dhaabuuf tattaafataa ture keessa dhaabicha cina dhaabbatuun waliin sossohe akkanaa du’a isaa yeroo dhagahu gaddi ABOtti dhaga’ame olaanaa dha.

Obbo Faranjii Hedaa Kushanee osoo ABOn sirnaan karaa Dirree Dhihaa sossohuu hin eegalin bittaa abbaa irree Dargii irratti finciluun maatii waliin bosona jiraataa akka ture seenaan isaa ni mul’isa. Deemsa keessa waraana Haarun Sosootti makamuun bara 1977tti magaalaa Begii irratti lola akka geggeessanis seenaan isaa ni dubbata.

Waggootaan booda akkuma ABOn sochii isaa Dirree Dhihaatti lafa qabachiisuu eegaleen Obbo Faranjiin ABOtti dhufuudhaan qabsichaa fi sochii dhaabichaaf hojii hin dagatamne hojjetaniiru. Hawaasni naannoo Zokor jiraatu ABO jalatti ijaaramee mootummaa Dargii irratti falmii akka geggeessu dandeessisuu keessatti qooda guddaa kennuu seenaan isaa ni ibsa.

Obbo Faranjii Hedaa Kushanee ofiif utubaa ABO ta’uu qofa osoo hin taane, ilmaan isaa Zakkaariyaa Faranjii fi Keerallaa Faranjii qabsoof gumaachuun hanga lubbuun wareegamanitti nama aarsaa kaffalee dha.

Bara 1989 yeroo ABOn humnoota Dargii fi SPLAn marfama olaanaa keessa seenee turettii fi baqattootni Oromoo hedduun faca’uuf dirqamanitti, Obbo Faranjiin maatii isaa qabachuudhaan bosona keessa naannoo Miimii Yakoboo jedhamu qabatee akka turee fi mootummaan Dargii akka biyyatti galee taa’uuf jaarsummaa itti erginaan diduun, lola Asoosaan booda, meeshaa dhaabni hidhachiise qabatee gara dhaaba isaatti akka deebi’e seenaa isaatu dubbata.

Namni qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf utubaa ta’ee cina dhaabbatee waliin sossohaa ture kun dhukkubsatee Hagayya 22, 2023 du’aan addunyaa kana irraa godaane.

Addi Bilisummaa Oromoo gadda itti dhaga’ame ibsataa, maatii fi firoota isaaf jajjabina hawwa.

Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *