Ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa ambassador Mayik Hamer Itiyoophiyaa dhufuuf jedhame

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer tibbana gara Itiyoopiyaatti dhufuun dhimma wal dhabdee Naannoo Oromiyaa keessaa fi Amaaraa akka walii galteen furamuuf mootummaa Itiyoopiyaa waliin mariiyachuuf jedhame.

Wal dhabdeen yeroo ammaa Itiyoopiyaa keessatti adeemaa jiru karaa nagaa akka furamuuf dhiibbaa taasisuuf akka dhufan beekameera.

 Akkuma Naannoo Tigiraay waliin  piritooriyaatti  walii-galteen taasifamee wal waraansi dhaabbate Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota Naannoo Amaaraa keessa jiran waliinis akka walii galteen xumuramuuf dhiibbaa barbaachisu USA akka taasiftus beekuun danda’ameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *