Barattootni Yuuniversiitii Jimmaa weerara daangaa Oromiyaa Boorana Mooyyaaleetti Somaaleen raawwatamu balaaleffachuun insa baasan

Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa!

Ajjeechaa fi Weerara Milishoota Sumaaleetiin Daangaa Oromiyaa, Keessattuu Uummata Oromoo Booranaa Irratti Raawwatamaa Jiru Mormuuf Kan Bahe

Seensa
Nuti, barattoonni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, haala yeroo ammaa daangaa Oromiyaa, keessattuu uummata keenya Oromoo Booranaa irratti deemaa jiru gama miidiyaa hawaasaan gad-fageenyaan hordofaa jirra. Weerarrii fi sarbamiinsi daangaa yeroodhaa gara yerootti babal’achaa jiru, akkasumas ajjeechaan suukanneessaan lammiilee keenya nagaa irratti raawwatamu yaaddoo guddaa keessa nu galchee jira. Mirga abbaa biyyummaa fi nageenya uummata keenyaa kabachiisuun dirqama dhaloota boruuti jennee waan amannuuf, ibsa ejjennoo kana mormii fi gaaffii dhiyeessuun baasnee jirra.

Sarbama Mirgaa fi Wareegama Ilmaan Oromoo (Gita Sirna bittootaa Irraa Hamma Har’aatti):
Seenaan uummata Oromoo dhiibbaa, saamichaa fi cunqursaa sirnoota darban keessatti irratti raawwatamaa turen kan guutamedha. Jalqabni cunqursaa fi gocha duguuginsa sanyii jaarraa dhiyoo keessaa, keessattuu Bara Tewodros II irraa kaasee dhiibbaa fi weerara babal’ifannaa lafaa irratti hundaa’een sabummaa fi eenyummaa Oromoo balleessuuf yaalii guddaan taasifameera. Gochi kun sirna Impaayera Minilik dabalatee sirnoota dhufan jiddutti babal’achuun, lafti Oromoo akka saamamu fi uummatichi qe’ee isaa irratti gabbaree akka jiraatu taasifameera.
Sirna Hayila Sillaasee fi Dargii: Sirnoota kana keessatti mirgi dubbachuu, barachuu fi aadaa ofii gabbifachuu uummata Oromoo guutummaatti ukkaamsamee ture. Gabrummaa kana mormuuf ilmaan Oromoo jajjaboon qabsoo hidhannoo fi dammaqinsaa geggeessuun wareegama qaalii kafalaniiru.
Sirna EPRDF fi Haala Ammaa: Jijjiirama siyaasaa dhufe keessattis ta’e, haala yeroo ammaa deemaa jiru keessatti, saamichi lafaa, dhiitamni mirga namoomaa fi dhiigni ilmaan Oromoo Bahaa-Lixaa, Kaabaa-Kibbaatti dhangala’uu hin dhaabbanne. Qabsoon barattoota Oromoo (Qeerroo fi Qarree) sirna cunqursaa kuffisus, har’a daangaan Oromiyaa gama maraanuu eegumsa dhabee jira. Sababa kanaan, har’as dhalonni kun qe’ee fi riqaa isaa kabachiisuuf jecha wareegama dhiigaa fi lubbuu olaanaa kafalaa jira. Barattoonni daangaa Oromiyaa irraa dhufan barnoota isaanii haamileen barachuu dadhabuun xinsammuu miidhamaa jiru.

Qabxiilee Ibsa Ejjennoo GDASAO YJ/ Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa:

1. Daangaan Oromoo Saamicha Irraa Haa Baraaramu:
Daangaan Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti sarbamaa fi dhiibamaa waan jiruuf, qaamonni bulchiinsaa fi nageenyaa lafa Oromiyaa eeguu fi kabachiisuun saamicha daangaa irra jiru hatattamaan akka dhaabsisan ni gaafanna.

2. Ajjeechaan Boorana Irraa Haa Dhaabbatu:
Uummanni Oromoo daangaa irra jiru, keessattuu uummanni Oromoo Booranaa qe’ee fi lafa isaa irratti mirgi abbummaa fi lubbuun jiraachuu isaa guutummaatti haa kabajamu. Ajjeechaan suukanneessaan milishoota naannoo Sumaaleetiin saba kanaan dura ongeen miidhame kana irratti raawwatamu ariifachisaan haa dhaabbatu.

3. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dirqama Isaa Haa Bahu:
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma dantaa sabaa fi daangaa naannichaa kabachiisuu irratti laafina argisiisaa jiru dhiisee, nageenya lammiilee isaa eegsisuu fi daangaa naannichaa diina irraa kabachiifachuu qaba.

4. Mirgi Bilisummaa Yaadaa fi Sagalee Hawaasa Ofii Ta’uu Haa Eegamu:
Mirgi lammiilee fi barattoonni dhimma hawaasa isaanii irratti yaada isaanii bilisaan ibsachuu fi sagalee uummata cunqursamee ta’uuf qaban haal-duree tokko malee haa eegamu; ukkaamsaan yaadaa fi sodaachisni xumura argachuu qaba.

5. Gargaarsi Namoomaa Hatattamaan Haa Qaqqabu:
Lammiilee Oromoo Booranaa sababa weerara milishoota kanaatiin miidhamaa jiraniif gargaarsi namoomaa fi eegumsi fayyaa hatattamaan haa taasifamu.

6. Itti Gaafatamummaan Seeraa Haa Mirkanaa’u:
Qaamonni fi milishoonni dhoksaanis ta’e ifatti weerara kana gargaaraa jiran, dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasan hatattamaan seera duratti akka dhiyaatan mootummaan federaalaa dhiibbaa gochuu qaba.

7. Furmaata Waaraa Daangaa Oromiyaa Kabachiisuu:
Dhimmi daangaa Oromiyaa fi Naannoo Sumaalee gidduu jiru haala ifa ta’een, seera daangaa fi seenaa hawaasaa irratti hundaa’uun xumura waaraa akka argatu haa taasifamu.

Xumura
Nuti barattoonni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, wareegama dhiigaa fi lafee abbootii keenyaa yaadachaa, har’as eenyummaa fi daangaa keenya lafa lafeen Abbootii keenyaa keessa jiru kabachiisuuf hawaasa keenya cinaa ni dhaabanna. Gaaffiwwan keenya kun deebii quubsaa fi hatattamaa akka argatan ni gaafanna!

“Lafti keenya lafee keenya.”

Gumii Dagaagina Aadaa Seenaa fi Afaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa (GDASAO YJ) Guutuu Barattoota Oromoo Moorichaa.
Onkololeessa 26, 2026

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *