Waraanni Mootummaa haleellaa WBOn irraan gaheen kan mufate ummata nagaa ajjeesaa jira.

Godina Shaggar lixaa keessatti waraanni mootummaa namoota nagaa ajjeesaa jira.

 

Caamsaa 17/2023

 

Shaggar Lixaa aanaalee Midaa Qanyii fi Amboo gandoota adda addaa keessatti namoonni nagaan humnoota waraanaa mootummaatiin ajjeefamaa jiraachuun beekame.

Lolli  WBO fi waraana mootummaa gidduutti deemaa jirraachuun wal qabatee waraanni mootummaa tarkaanfii waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhataa jiruun kan rifaatuu keessa seene ummata nagaa ajjeesuun aarii bahaa akka jiru jiraattotni naannichaa ni dubbatu.

 

Akka jiraattotni naannoo lolli Waraana Bilisummaa Oromoo fi waraana mootummaa gidduutti adeemaa jiran jedhanitti waraanni pp erga haleellaa cimaa waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhatee jalaa dheessuun ol deebi’anii Namoonni nagaa  ajjeesaa jiru.

Akka odeessi nu qaqqabe ifoomsutti namoota waraanni mootummaa ajjeese baay’inni isaanii shank an tahan  qe’ee isaanii keessatti kan ajjeefaman yoo tahu 4 immoo madaawanii waldhaansa argachaa akka jiran maddeen nuuf himaniiru.

 

Waraanni mootummaa erga WBO waliin araaraaf Zaanzaniyaa odola Zaanzibaritti taa’ee booda duula hamaa Oromiyaa keessatti baneen bakkoota hedduutti namoota nagaa ajjeesaa fi hidhaatti guuraa jira.

 

Haaluma wal fakaatuun guyyaa har’aa Caamsaa 17/2023 lola waraana Bilisummaa Oromoo fi waraana mootummaa gidduutti godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaalee Guduruu fi kombolchaa keessatti gaggeeffamaa ooleen waraanni Bilisummaa Oromoo humna waraanaa mootummaa aanicha keessaa rukutee baasuun maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

 

Tibbana lola hamaa golee Oromiyaa hunda keessatti waraanni mootummaa waraana Bilisummaa Oromoo irratti olaantummaa fudhatee gara araara marsaa 2ffaatti imaluuf taasisaa jiruun WBO bakka hundatti waraana mootummaa ajjeesuu fi booji’aa kan jiru tahuu kan ibse yoo tahu faallaa kanaa waraanni mootummaa namoota nagaa ajjeesaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *