Wayita ammaa Lammiileen Oromiyaa fi Oromiyaan rakkoo hamaa keessa jiru. Sirni bulchiinsaa diriiree ummataaf tajaajila kennu yoo maqaaf ta’e malee hin jiru. Oromiyaan lolli itti labsamee guyyaan ilmaan isii lubbuu kafalaa jiru.
Waraanni bakka adda addaatti ummatarratti baname humna waraanaa biyya keessa jiru irratti dabalatee waraana alagaa galchee jira.
Dirreen Oromiyaa harki caalaan lafa waraanaati. Ummatni qe’ee fi qabeenyaarraa buqqifamani hari’atamaa oolu. Mannen qonnan bulaa fi horsiisee bula ibda itti qabsisanii guggubu.
Loon ni saamu. Dubartootaa ni gudeedu. Hidhaa fi dararri ummatarra gahu dangaa hin qabu. Keessattu, qeerroo fi qarreen karaarra deemuu hin dandeenye.
Yoo argaman ni ajjefamu, humnan gara adda waraannatti ergamu, ni reebamu ykn ni hidhamu. Kan dararaa kana jibbee jiruu fi jireenya isaa dhiisee falmiidhaaf bosona seenees lakkofsa hin qabu.
Seerri waanti jedhamu dhabameera. Mootummaa kan ofiin jedhu waan humna qabuuf qofa kan fedhe hojjachuu danda’a. Itti gaafatammummaa waanti jedhamu hinjiru. Gababaatti Oromiyaa keessa waan mootummaa fakkaatu wayii yoo ni jira jedhame malee mootummaan sirnaa hin jiru.
Oromoof Biyyi Oromoo Mootummaa Cehumsaa Biyyoolleessaa Naannoo Oromiyaan nageenyi ishee eegamuun shira maqaa adda addan itti deemu jala oluu dandeessi MCBNO Furmata siyaasa tokkicha