Jaal Habtee Eebbaa bara 1953tti Godina Matakkal, Waanbara Ona Dibaaxitti dhalatan. Roorroo fi cunqursaa ummata Oromoo irraa qoluuf bara mootummaa Dargii 1985tti Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamutti makaman. Baruma kana keessa leenjii dhaabni kennu marsaa 8ffaa leenji’anii kallattiin bakka dhaabni itti ramadetti dirqama isaanii ba’ataa turan.
Keessumaa qabsoo hidhannoo irratti hiriiruudhaan baddaa fi gammoojjii Oromiyaa keessatti Bilisummaa ummata isaanii dhugoomsuuf, kabajamuu mirga ummata isaaniif falmaalee jajjabdoo irratti hirmaataa akka turan seenaan isaanii ni agarsiisa.
Hanga kufaatii Dargii fi yeroo mootummaa ce’umsaatti qabsoo hidhannoo irraa qooda fudhataa kan turan Jaal Habteen, erga ABOn chaartera yeroo ce’umsaa keessaa ba’ee ammoo haalli qabsoo jijjiiramuu irraa sochii deebisanii of ijaaruuf tattaafatamaa tureen bara 1993tti gara biyya ollaa Sudaanitti akka ba’an seenaa isaanii irraa hubachuutu danda’ama.
Miseensi gameessi ABO Jaal Habtee Eebbaa, erga biyya Sudaan dhaqaniis akeekaa fi kaayyoo dhaaba isaanii ganama hirbuu itti seenan irraa osoo hin maqne, hojii qabsoo waan danda’an hojjechaa, waltajjiilee dhaabaa irraa qooda fudhataa, jaala irbuu eeganii deemsa isaanii fixatan akka ta’an jaallan qabsoo isaan faana turan ragaa ba’u.
Umrii dargaggummaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hoogganamutti kan dabalaman Jaal Habteen, hanga umrii maanguddummaa isaaniittis qabsoo kana irraa osoo hin maqin umrii isaanii irratti fixataniiru.
Jaal Habtee Eebbaa jiruu biyya ormaa rakkisaa fi haalota adda addaa qormaataan guutaman akkasumas dhibee fayyaan waldhaansoo qabaa osoo jiranii, dhalatanii waggaa 72tti Mudde 15, 2025 biyya Sudaan mooraa baqataa Ungurgur jedhamutti boqotan.
Duuti kan namaa hin oollee fi irraa hin hafamne ta’us, gadda keenya ibsataa, maatii, hiriyootaa fi jaallan isaanii maraaf jajjabina hawwina.
Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Jaarmaa ABO, Caasaa Biyya Alaa
Mudde 17, 2025