Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Naannoowwan filannoo gaggeessuuf mijatoo ta’an itti adda baasu ifa godhe
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa qopheessuuf hojiiwwan filannoo duraa hedduu gaggeessaa jiraachuu himaa ture. Hojiiwwan boordii filannoo kun filannoo dura raawwachuuf yaadu keessaa tokko galmeen filattotaa osoo hin jalqabiin dura naannoowwan filannoo gaggeessuuf mijatoo ta’an adda baasuudha jedheera.
Boordichi filannoo waliigalaa 7ffaaf odeeffannoo mootummoota naannolee, bulchinsa magaalotaa fi qaamolee nageenyaa irraa walitti qabuun, muuxannoo filannoo waliigalaa 6ffaa naannoolee filannoo gaggeessuuf mijatoo ta’an adda baasuu irratti (fakkeenyaaf, filannoo dabalataa fi filannoo irra deddeebiin naannoo filannoo 18 Beenishaangul Gumuz keessatti gaggeeffame akka fakkeenyaatti) fudhatee kaayeera.
Haala kanaan Filannoo Marsaa 7ffaa dura boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa akkaataa armaan gadii kanaan adda baasuuf karoorfatee jiraachuu ifoomseera.
👉🏻Magariisaan: Filannoon gaggeeffamuu danda’a
👉🏻Keelloo: Filannoon of eeggannoodhaan gaggeeffamuu danda’a
👉🏻Diimaa: Filannoon gaggeeffamuu hin danda’u.
Kan jedhuun adda baasuuf hojii eegalee jiraachuu ifoomse.
● Boordiin kun odeeffannoo haala nagaa fi nageenyaa mootummoota naannoo, bulchinsa magaalaa, fi dhaabbilee nageenyaa irraa karaa gaaffilee “magariisa, keelloo, fi diimaa” jedhamuun qoratee haala naannicha keessa jiru walitti qaba.
● Odeeffannoo walitti qabame irratti hundaa’uun Boordichi akkaataa sagantaa Boordichi baaseen paartilee siyaasaa, dhaabbilee hawaasa siivikii, mootummoota naannoo, bulchinsa magaalaa, fi dhaabbilee nageenyaa waliin marii ni taasisa.
● Itti aansee, garee miseensota paartilee siyaasaa, jaarmiyaalee hawaasa siivikii, fi Koree Hordoffii fi To’annoo Boordichaa of keessaa qabu hundeessee odeeffannoo mootummoota naannolee, bulchinsa magaalotaa, fi dhaabbilee nageenyaa irraa walitti qabe lafa irratti gadi bu’ee sirrii ta’uu isaa ni mirkaneessa (kun hojii yeroo tokkoo osoo hin taane, hojii itti fufiinsa qabuun ).
● Dhumarratti Boordichi bakkeewwan filannoon itti gaggeeffamuu danda’u jedhame ni ifoomsa jechuudha