Dhaabbatni Gurgurtaa Oomishaa Xoopiyaa Dameewwan isaa jaha humnoota nageenyaa Mootummaa Bilxiginnaan jala cufamuufi hojjettoonni isaas hidhamuu ibse.
(SQ-Caamsaa 1,2022)
Itti gaafatamaan damee kominikeeshinii dhaabbatichaa kan ta’aan Obbo Natsaannat Tasfaayee dameewwan Mattuu, Gimbii, Baddalle, Naqamtee fi Adaamaa haala ifa hin taanee cufamanii hojjatootni harki 20 hidhamuu hime.
“Dameewwan kunneen erga cufanii booda hojjattoota hidhan. Iddoowwan tokko tokkotti hojjattota hunduma iddo kaanitti ammoo gaggeessitoota qofatu hidhame.”jedhe Natsaannat.
Dameewwan cufaman keessa oomishni qonnaan bultoota irraa fuudhamee fi kan daldaltootan barame keessa jiraachuu ibse. “Qaama mootummaa dhimmi ilaallatu waliin mari’achaa jirra” kan jedhe Natsaannat. Yeroo tarkaanfiin kun fudhatamu hojjattootni hojii isaanii idilee gaggeessaa turan jedha. “Waanta uumame dhaabbatichi quba hin qabu”. Dameewwaan cufaman keessatti adda durummaan kan daldalamu Buna, midhaan Zayitaa fi kanneen biroo gurugurtaa biyya alaaf oolan akka ta’anis ibse.
Bara 2008 hojii kan eegale Dhabbatni Gurgurtaa Oomishaa Itoophiyaa iddoo kuusaa oomishni sadarkaa isaa eeggate itti walitti qabamu ta’uu eera dhaabbatichi. Dhaabbatni gurgurtaa Oomishaa Itoophiyaa tajaajila “Samudaa, sadarkaa laachuu, madaaluu fi waraqaa ragaa midhaan zayitaa, bunaa fi kanneen biroo meeshalee ECX, sadarkaa ECX eeggateen ni kenna.”
Ogeessi Labiraatorii ECX damee Gimbii Caalaan akka bilbilaan Addis Standaditti himetti kamisa Ebla 28 guyyaa keessaa sa’aatii 9tti humnootni nageenyaa gara waajjira ECX dhaquun waajjiricha cufanii hojjattotta hunda ibsa tokko malee hidhan. “Hunduma keenya mana hidhaa geessan, isa booda nu hiikanii namoota hoggana irra jiran 14 hambisan jedha Caalaan .” ECX dameen Gimbii hojjattoota 40 qabachuus eerera.
Hojjataan ECX damee Jimmaa kan maqaan isaa akka eeramuu hin barbaanne, qaamoleen nageenyaa waraqaa seera qabessa mana murtii hin qabne waajjiraalee damee hunda sakatta’uuf dhufanii miseensota hoggansa shan to’annoo jala oolchaniiru. “Ajaja qaama mootummaa olaanaa irraa kennameedha jedhanis, isa kam akka ta’e hin dubbanne Jedha.
Ebla 30,2022 ganama waahiloota keenya gaafachuuf gara mana hidhaa deemne turre. Poolisiin hanga ammaa mana hidhaa tursiisuun ala waan tokkollee akka hin gaafanne nutti himaniiru.” jedhe ECX dameen Jimmaa, hanga ammaa cufamee humnoota nageenyaatin eegamaa akka jirus himeera.
Gabaasi kan Addis Standard!