Israa’el Soomaaliilaandiif beekamtii biyyummaa kennite
Muummeen Ministiraa Israa’eel Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Soomaliilaandiin biyya Riippaabliikaa Walaba taate jechuun biyyi isaanii Israa’eel beekkamtii akka kenniteef labsan.
Isirael biyya Addunyaa irraa yeroo calqabaaf Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa kennite ishee taasisuu cinaatti Gaanfa Afriikaatti jijjiirama diiploomaasii guddaadha jedhamuun himamaa jira.
Neetaaniyaahuun ibsa isaanii Mudde 26/2025 kennaniin , murteen kun kan irra gahame erga Ministirii Alaa Israa’eel Geediyoon Saarfi Pireezidaantiin Somaaliilaandi Abdurraahimaan Mohaammad waliin marii taasisan ta’uu ibsanii jiru.
Neetaaniyaahuun murteen kun walii galtee Doonaaldi Tiraampi waliin waliif mallatteessan kan wal simu ta’uus dabalataan ibsaniiru.
MM isirael Ergaa baga gammaddanii Pireezidaantii Soomaaliilandiif viidiyoo gama fuula Miidiyaa Hawaasaa isaaniin qoodaniin Pirezidantii Somaalilaand Abdiraahimaan Mohaammed Abdallaan Tasgabbii nagaa mirkaneessuuf hooggansaafi murannoo agarsiiteetta baga gammadde jechuun jajajaniiru.
Neetaaniyaahuun milkina beekkamtii kennuu biyyummaa Somaaliilaandiif Ministira Dhimma Alaa Israa’el Geediyoon Saar, Hoogganaa Dhaabbata Basaasaa Israa’el Moosaad, Deeviid baarniyaa fi dhaabbilee nageenya biyyattii mara galateeffataniiru.
Dhuma irrattis Karoora gara fuulduraa biyya isaanii yoo dubbata MM Isirael Neetaaniyaahuun sii achi Israa’el dhimmoota akka qonnaa, fayyaa, teeknoolojii fi kanneen biroon Soomaliilaandi waliin hojjechuuf kaayyeffatteettis jedhaniiru.
Pirezidantiin Somaalilaand ibsa addatti baasaniin beekamtiin biyyummaa Israa’el irraa argatan gaaffii beekamtii biyyumma barootaaf gaggeessaa turan keessatti boqonnaa haaraa haaraa tahuu himuun ”Biyyummaa argachuuf gaaffiin dhiyeessine seena qabeessa, seera qabeessaafi kan fudhatama qabu ta’uu mirkaneessa” jedha ibsi Pirezidantii Somaaliilaandii
Dhuma irrattis Somaalilaand waliigaltee kanaaf bitamtuu ta’uufi kanas cimsitee akka itti fuftu pirezidantichi ibsaniiru.
Beekamtii biyyummaa Isirael Somaaliilaandiif kenniteen Somaaliyaa, Masirii, Turkiifi Jibuutiin beekamtii biyyummaa kana mormanij jiru.
Masirii,somaaliyaa,Turkii fi jibuutiin Ibsa karaa ministeerota biyya alaa isaanii beeksisaniin Israa’el murtee beekamtii biyyummaa Soomaaliilaandiif kennite guutummaan kan morman qofaa utuu hintaane kan balaaleffatan ta’uus ibsaniiru.
Ministirri Alaa Masirii Ministiroota Alaa Somaaliyaa, Turkiifi Jibuutii waliin bilbilaan marii erga taasisaniin booda beekamtiin biyyummaa Isirael Somaaliilaandiif kennite tokkummaa Somaaliyaafi walabummaa isheef amanamtummaan akka dhaabbatan jabeessanii dubbataniiru Ze Jeerusaalem Poosti gabaaseera.