Miseesonni ABO Kutaa Biyyaa Kanaadaa Kora waggaa geeggeefachuun ibsa ejjennoo qabxii 10 qabu baasan.

Miseesonni ABO Kutaa Biyyaa Kanaadaa Kora waggaa geeggeefachuun ibsa ejjennoo qabxii 10 qabu baasan.

(SQ-Hagayya 25,2022)

Nuti miseensonni ABO kutaa biyya Kanaadaa kora waggaa kan bara kanaa Hagayya 20 hanga 21 bara 2022 tti haala gaariin gaggeeffachuudhaan, gabaasaa hojii bara darbe sadarkaa kutaa fi konyaalee keenyatti hojjetame gilgaaluudhaan, haala waliigalaa uummatni keenyaa fi biyyi keenya keessa jiruu fi haala qabatamaa qabsoon keenya irra jiru xiinxaluudhaan hoggannootni dhaaba keenyaa bakka argamanitti irbuu keenya haaromsannee ibsa ejjenno armaan gadii sagalee tokkoon baafatneerra:

1, Hojii fi dirqama bifa kamiinuu dhaaba keenya ABO irraa nutti kennamu kamiyyu kan duraanii caalaatti raawwachuuf kan irbuu keenya haaromfanne fiixa ni baafna.

2, Kan duraan gargaarruun olitti ykn ammas caalaatti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akka gamtaadhaan tinnisnu sagalee tokkoon waadaa keenya ni haaromsina, tokkummaa keenyas ni jabeeffanna.

3, Dhiittaan mirga dhala namaa bifa adda addaan biyya Itophyiaa keessatti uummata keenya irratti raawwatamaa jiru hatattamaan akka irraa dhaabbatu ni gaafanna.

4, Hogganootni ABO, deggertootnii fi qaamotni hawaasa keenyaa bifa kamiinuu biyya keessatti hidhamanii jiran hundi haalduree tokko malee akka hiikaman ni gaafanna.

5, Labsii waraanaa mootummaan Itoophiyaa uummata keenya irratti labsee humnoota adda addaan bakkoota garagaraatti uummata nagaa fixaa jiru ni balaalleffanna, hatattamaan akka dhaabbatus ni gaafanna.

6, Uummata keenya biyya keessaa beelaa fi hongeef saaxilamuudhaan bifa garagaraan miidhamaa jiruuf akka gargaarsi namoomaa hatattamaan qaqqabuuf mootummootaa fi jaarmiyaalee namoomaa addunyaa garagaraaf yaamicha ni dhiheessina, nutis waan dandeenyuun bira ni dhaabbanna.

7, Dinagdee Oromoo saamaa eenyummaa, aadaa, afaanii fi mirga Oromoo kan dhiibaa jiru qaama kamiyyu (‘Safaricom’ dabalatee) ni balaalleffana, akka of sirreessanis ni gaafanna.

8, Magaalaan Finfinnees ta’ee naannoon isaa hundiyyu uumamaanis ta’e seenaa fi seeraanis kan Oromooti, qaama Oromiyaatis waan ta’eef murtoo mootummaan biyyitti dabarse ni balaaleeffanna, raawwiin isaas akka dhaabbatu nigaafanna.

9, Waldaalee hawaasummaa Oromoo naanoo keenya jiran keessatti jabaannee hirmaachuudhaan uummata keenyaaf tumsaa fi sagalee ta’uun qooda keenya ni baana.

10, Anga’oonnii fi mootummoonni addunyaa WBOn gurmuu qabsaa’ota mirga dhala namaa ta’uu isaa fi gaachana qabsooo bilisummaa Oromoo ta’uu isaa hubatanii marii dhimma biyya keenyaa ilaalchisee taasisan kam keessattuu akka ilaalcha madaalawaa fi kan qabsoo keenya gitu kennaniif jabeessinee ni gaafanna.

Injifannoon kan Uummata Oromooti!

Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa

Hagayya Bara 2022

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *