Rasaasni Jaal Battee Urgeessaa ajjeese malee kaayyoo fi Akeeka isaa hin ajjeesu!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ajjeefamuu Qondaala Siyaasaa ABO ilaalchisee
Hidhaa fi Ajjeechaan haamilee cabsee qabsaa’aa duubatti hin deebisu daran qabsoo Bilisummaaf taasifamuuf dhalootni oonnatee akka qabsaa’uuf kan jabeessudha.
Ajjeechaa Sukkaneessaan qabsaa’ota Oromoo qaroo tahan irratti sirnoota dhufaa darbaan raawwatamu qabsaa’ota osoo abdii hin kutachiisiin xurree wareegamtootaa qabatanii qabsoof onnatanii qabsichatti xumura gochuuf wareegama qaalii deebii hin qabne lubbuu isaanii kennanii lafee koon Oromiyaan haa ijaaramtu dhiiga kiyyaan Bilisummaan haa barreeffamu jechuun kanneen qabsootti cichanii lubbuu isaanii caalaa qabsoo Sabaa jiraachisan horate malee hin dhaabbanne
Ajjeechaan Ebla 9/2024 halkan waarii jaal Battee Urgeessaa irratti bakka dhaloota isaa Magaalaa Maqiitti raawwatame haalaan sukkaneessaa fi rifaasisaa tahus qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu yoomillee of duuba kan hin deebisne tahuu nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ni mirkaneessina.
Jaal Battee Urgeessaa akkuma umuriin isaa barnootaaf gaheen qabsoo dargaggootni Oromoo Bilisummaa Oromiyaaf taasisan dhaaba isaanii ABO jalatti gurmaayanii qabsootti makamuun miseensummaa irraa hanga dabballummaatti qabsoo keessatti shoora isaa bahateera.
Jaal Battee Urgeessaa yeroo mana barnootaa sadarkaa 2ffaa baratu bara 1995 irraa kaase hanga Yuuniversiitii Bahirdar baratee bahu hanga bara 2005tti sochii barattoota Oromoo keessatti qooda isaa kallattii fi adda duree. bahachaa kan ture akkasumas erga yuuniversiitii irraa eebbifamee sochii FDG ABOn Sadaasa 9/2005 labsetti adda durummaan makamuun wahillan ykn jaallan biroo waliin Oromiyaa keessatti kallattiin dargaggoota Oromoo icciitiin quunnamuun akka isaan qabsoo eenyummaa isaaniif godhan jabeessanii falmatan dirqama isaa bahataa tureera .
Jaal Battee Urgeessaa erga bara 2011 as sochii Ijaarsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessattis hirmaachuun dargaggootni akka ijaaramanii humna godhatanii falmataniif karoora baasuufiin falmaan bilisummaaf taasifamu wareegama hangamuu nama baasisu akka galma gahuu dandahu dargaggoota Oromoo dammaqsuun sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti akka qooda fudhatan taasisaa tureera .
Jaal Batteen sochii Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessu keessatti dargaggoota dammaqsuu qofaan osoo hin taane adda dureenis qooda isaa bahataa tureera.
Haala kanaan yeroo mormii master pilaanii Hagayya 2016 miidhaa qaamaa irra gaheen caccabee du’eera jedhamee gatamee gargaarsa Maatii isaa fi ummatni Oromoo taasisaniin mana yaalaa galuun hanga Wilchariin deemuutti gaheera.
Jaal Battee Urgeessaa miidhaa qaamaa fi qalbii isaarra gahe dandamatee fayyuun ammas qabsoo Ummatni Oromoo sirna mataa isaa ijaarrachuuf taasisu keessatti qooda isaa fudhachaa osoo jiruu bara 2018 araarri mootummaa Itiyoophiyaa fi ABO gidduutti wayita taasifamu jaal Battee Urgeessaa koree simannaa hoggantoota ABO biyya ambaa irraa gara Oromiyaatti dhufaniif taasifamuuf koree tahuun akka simannaan Fulbaana 15/2018 milkaayuuf gahee isaa bahateera.
Jaal Battee Urgeessaa erga ABOn biyya keessa seenee boodas waajjira Muummee ABO Gullalleetti Abbaa Diinagdee ABO tahuun tajaajilaa osoo jiruu yeroo hoggantootni ABO kanneen dhaabicha irraa foxxoqanii pptti harka kennatan waajjirri Muummee ABO Gullallee wayita humna waraanaa Abbaa Irreen uggurametti jaal Battee Urgeessaa dirqama dachaa ofitti fudhachuun abbaa Diinagdee cinaatti Itti gaafatamaa Sab-quunnamtii ABO tahuun hanga gaafa hidhamuutti dhaaba isaa fi ummata isaa tajaajilaa tureera .
Jaal Battee Urgeessaa qabsaa’ota Oromoo yeroo adda addaatti hidhamanii mana hidhaatti dararaman manneen hidhaa jirra deemuun gaafataa haala hidhamtootni Siyaasaa keessa jiran miidiyaaf himuun ummata Oromoo biratti jaallatamummaa kan horate yoo tahu dhaaba isaa ABOf immoo dhaloota cichaa fi haqaa dhaabbatu kan dubbatee dhageesisu jedhamuunis leellifameera.Jaal Batteen osoo haala kanaan jiruu Jaallan isaa mana hidhaatti dararaman deddeebi’ee osoo gaafatuu mana hidhaa Buraayyuutti qabamee hidhamuun hanga Gammoojjii Awashitti hidhamee dararamee dhukkubsatee mana hidhaa keessatti du’uurra bahee haa du’u jedhamee mana hidhaa irraa erga lakkifamee gargaarsa Oromoota biyya keessaa fi biyya alaa jiraataniin yaala taasifameen dhibee isaa irraa dandamachuun qabsoo karaa nagaa ABOn itti jiruuf dirqama isaa fudhachuun miseensa mana maree paartiilee Siyaasaa Magaalaa Finfinnee keessatti koree tahee dhaaba isaa ABO bakka bu’ee ejjennoo dhaabichaa hanga gaafa guyyaa lubbuun isaa darbitutti fuuldura bahee dubbachuun hanga ABOn nama akkasii maaliif dhoksee kaayeera jedhamee dubbatamutti dubbatee amansiiseera
Jaal Battee Urgeessaa baatii tokko dura galaalchessaa biyya Faransaay waliin af gaaffii goodhaa jirta jedhamee hidhamee mirga wabii Qr 100,000 kan lakkifamee boodas sodaa lubbuu isaa fi nageenya maatii isaa dursee cunqursaa ummata Oromoo irratti raawwatamuuf nama yaaddahu ture.
Jaal Battee Urgeessaa Finfinnee irraa 150 km fagaatteetta kan argamtu bakka dhaloota isaa Magaalaa Maqii dhimma dhuunfaa isaaf lafa qonnaa achii qabu irratti paappayyaa oomishatee waan jiruuf isa ilaallachuuf gara sana kan imale yoo tahu Ebla 9/2024 bakka qubatee jiru Peensiyoona Abbebee Giraazmaach jedhamu guyyaa tokko bulanii guyyaa lammataatti halkan fudhatamanii humnoota waraanaa PP koree Nageenyaa jedhamaniin ajjeefamanii balfa keessatti gataman.
Jaal Battee Urgeessaa humnoota waraanaa Abbaa Irree Abiyyiin”Mataa isaa irra qofa bakka Shan rasaasaan dhahamee fi deddeebiin rukutame yoo tahu Walumaa galatti rasaasa 11 oliin ajjeefamuu isaa qorannoon ogeessa fayyaa ni argisiisa
Nuyis Qeerroon Bilisummaa Oromoo sochii qabsoo umurii daa’immummaa hanga gaafa lubbuun isaa darbeetti taasiseef galateeffachaa xurree irraa kufeef xiiqeffannee akeekaa fi kaayyoo inni irraa kufeef kan qabsoofnu tahuu Irbuu seenna.
Qabsaa’aan saba isaaf osoo qabsaa’uu ummata isaaf jiraatee Saba isaaf wareegama malee maatii koo qe’ee koo lubbuu koo jedhee ofin mararsiifatu kana jaal Battee Urgeessaa qabatamaan nutti argisiisee wareegameera.
Jaal Batteenis ulaagaa qabsaa’aan tokko godhu godhee seenaa isaa dhiigaan barreefatee darbeera dhalootni har’aa immoo xurree wareegamtootaa irra dhaabbannee kaayyicha galma geesisuun sirna Oromoof tahu ijaarrannee qe’ee Oromoo irraa du’aa fi gadadoo akka hanbisuuf Irbuu keenya tiksanna!
Qabsaa’aa ajjeesan malee qabsoo hin ajjeesan jaal Batteen du’us kaayyoo fi akeekni inni irraa wareegame dhalootaan galma gaha!
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee,Oromiyaa
Ebla 11/2024