Arsii Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa daa’ima ji’a 8tti dabalatee maatii guutuu hidhuun dhaga’ame.
(SQ-Hagayyaa 11,2022)
Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa Ganda Hunxee Aloolaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun Hagayya 8, 2022 Maatii guutuu kanneen maqaan isaanii
Obbo Amaanaa Aliyyii Abba Warraa yoo ta’u haadha warraa isaa Aadde Haliimaa Gudeelcha Bu’ii daa’ima isaanii baatii 8 waliin Bulchaan gandichaa Qaasim waliyyii jedhamu miilishota itti erguun maatii guutuu weerarsiisuu maddeen SQ nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Bulchaan Gandaa kun Maatiin hidhaman kun Ajjeefamuu qabu ejjennoo jedhuun warra aanaaf dabarsee kennuu himuun, duuti isaanii deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromoo biroo jiilchuu qaba jechuun dhaadachaa jiras jedhu.
Akka maddeen itti dabaluun nuuf himanitti aanaamaa Adaabbaa ganda huunxee Haloolaa jedhamu kana keessatti kana duras maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhuun nama maqaan isaa Maammaa Qaadiroo Aliyyii jedhamu mana hidhaa keessatti ajjeesuu himuun, wayita ammaas firoonni maatii hidhamanii kun ni ajjeefamu yaaddoo jedhuun rakkachaa jiru jedhu.
Ganda Huunxee Haloolaa keessatti warreen adda durummaadhaan ergama mootumma Bilxiginnaa diinaa fudhatanii uummata nagaa ajjeesaa fi hidhaatti guraa jiran kunneen.
1. Qaasim Waliyyii Bulchaa ganda Hunxee haloolaa
2, Idiree Eebba Qaabatoo
3, Gabii Shaafii kanneen jedhaman ta’uu odeeffanneerra.
Mootummaan Bilxiginnaa gocha dabaa saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru hammeessee itti fufeera.