Waraanni Bilxiginnaa manneen barnootaa mooraa waraanaa godhachuun sirna baruuf barsiisuu adda kutaa jiraachuun beekame.

Waraanni Bilxiginnaa manneen barnootaa mooraa waraanaa godhachuun sirna baruuf barsiisuu adda kutaa jiraachuun beekame.

(SQ-Hagayyaa 11,2022)

Waraanni faashistii Bilxiginnaa Guutuu Oromiyaa keessatti duula gama maraan geggeessuudhaan Saba Oromoo gabrummaa jalatti hambisuuf hojjeechaa jira.

Haaluma kanaan waraanni Bilxiginnaa Maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Golee Oromiyaa hunda keessa raabsaman manneen barnootaa ilmaan Oromoo itti baratan keessa barattoota baasun mooraa ykn kaampii godhachuudhaan sirna baruu fi barsiisuu addaan kutaa jiraachuun beekame.

Keessattuu Gandoota baadiyyaa Oromiyaa garaa garaa keessatti manneen barnoota mooraa ykn kaampii Waraana Bilxiginnaa ta’a jiraachuun wal qabatee uummanni ijoollee isaanii bakka itti barsiifatan dhabaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.

Tibba kana Ammoo ragaa suur sagalee Waraanni Bilisummaa Oromoo wayita waraana Bilxiginnaa mana barumsaa kaampii godhatee ture keessaa ariyuudhaan gochoota dabaa Waraana Bilxiginnaa agarsiisu miidiyaa hawaasummaa irra naanna’a jiran ragaa qabatamaadha.

Akka suur sagalee sanarraa hubachuun danda’amutti waraanni Bilxiginnaa mana barnootaa kaampii godhachuudhaan erga itti galeen booda mooraa sana keessa Boolla qotee da’annoo qopheeffachuun qorqorroo mana barnootaa irraa diigee boolla Da’annoof qoterratti ijaarrachuu fi Kitaaba Barnootaa Akka Boraatiitti wayita itti fayyadamu agarsiisa.

Kana malees teessuma barattoonni irra ta’anii baratan akka malee qisaasessuudhaan mana barnootaa sana guutummaan guutuutti itti fayyadamaa turuu video Waraanni Bilisummaa Oromoo gadhiise sanarraa hubachuun ni danda’ama.

Taateen akka kana waggaa sadii oliif dhihaa Oromiyaa Godinalee Wallagga arfan, Godina Shawaa Lixaafi Kibba Oromiyaa Godinalee Gujiifi Boorana keessatti ballinnaan geeggeefamaa kan ture fi jiru yoo ta’u sababa Waraanni Bilxiginnaa Manneen barnoota kampii godhatan kanaaf barattoonni kuma dhibbaan lakkawaaman osoo hin jaallatin barnoota dhaabuu odeeffanneerra.

Mootummaan Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun uummata nagaa hidhuu fi ajjeesuun alatti, mana barnootaa mooraa ykn kaampii Waraana gochaa jiraachuun hagam jibbaa fi tuffii saba Oromoof akka qabu kan agarsiisudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *