Shaggar Lixaafi Horroi Guduruutti Namoota Nagaa 13 ol ajjeessun 3 maddeessun dhaga’ame.
(SQ-Caamsaa 15/2022)
Mootumman Paartii Bilxginnaa maqaa Oppireeshiinii farra riphee lolaa jedhun Oromiyaa irratti lola labsuun guutuu Oromiyaa keessatti gocha sanyii duguuggaa lammilee Oromiyaa irratti rawwaacha kan jirudha.
Haala kanaan Waraanni Bilxginnaa Godina Shaggar Lixaa Aanaa Gindiibarat Ganda Qarree Doobbiitti namoota nagaa 12 ajjeesun 3 ammoo maddeessuu maddeen SQ nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti namoonni ajjeefaman kunneen reeffi isaanii bosonatti kan gatamee yoo ta’u hanga oduu kana qindeessinetti reeffi namoota 4 argamee jira jedhu maddeen.
Maqaa namoota ajjeefamaniifi mada’aan keessa kan nuqaqqabee
1. Sicaalee Jaafaar barattu kutaa 9
2. Zalaalam Abarraa barata 10.
3. Abrahaam Tikisaa barata kutaa 9
4. Obbo Mul’ataa Bukka Maanguddoo Abbaa Ijoollee 9 kunneen Warreen ajjeefaman keessa kan maqaa arganee yoo ta’u.Obboo Ofisaa Zalaqaa ammoo warraa mada’aan keessa tokko ta’u odeeffanneerra
Odumaa walfakkaatun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratootti Caamsaa 12/2022 dargaggoo Baabbee Taakkalaa jedhamu waraanni Bilxiginnaa ajjeesuun bosonatti gatan jedhu maddeen SQ.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Baabbeen hojii dhuunfa isaa Mana suuraa kaasan banachuun hojjete ofiif maatii isaa jiraachisaa kan ture yoo ta’u guyyoota muraasa dura Shanee deeggarta jedhamuun waraana Bilxginnaan erga qabame booda Caamsaa 12,2022 ajjeesanii bosanatti gatuun maatiin isaas barbaacha yeroo dheeraa booda reeffa mucaa isaanii Bosona keessa argatan jedhu.
Dargaggoo Baabbeen fudhee haadha warra kan qabu yoo ta’u daa’ima xinna tokkos akka qabu odeeffanneerra.
Mootummaan Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.