Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti haleellaa shororkeessitootaa Amaaraatiin lubbuun namaa darbuun dhagahame.
(SQ-Caamsaa 16,2022)
Jiiraattonni dubbifne akka himanitti, dheengadda irraa jalqabee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda Goobuu Sarbaa jedhamu keessatti haleellaa humnoota shororkeessitootaa Amaaraatiin irra deebiin raawwatameen lubbuun nama afurii darbuun, manneen 40 gubataniiru jedhu.
Namoota ajjeefaman keessatti dubartootni lamaa fi daa’imni umurii 5 tokko akka argaman kan himan jiraattonni ganda Goobuu Sarbaa, qabeenyi hawaasaa hedduun humnoota kanaan saamamuu fi abiddaan mancaafamuus himaniiru.
Ganda Goobuu Sarbaa keessatti qofaa beelladootni 500tti tilmaaman saamamuu fi midhaan callaa hedduun abiddaan gubachuu kan himan jiraattonni gandichaa, yeroo ammaa kana bakka quubsumaa dhabuun rakkoo hamaa keessatti kufanii jiraachuu dubbatu.
Qaamoleen nageenya mootummaa rakkoo kana akka furaniif itti iyyannus deebii gaarii nuuf kennaa hin jiran kan jedhan jiraattonni, haleellaan humnoota kanaa ji’a tokkoof qabbanaa’ee erga ture booda, yeroo amma kana humna haaraatiin deebi’ee nutti banamee jira jedhu.
Jiraattonni qe’ee fi qabeenya isaanii irraa baqatanii, dirree fi bosona keessatti rakkachaa jiraachuu himatanii uummatni Oromoo sagalee akka ta’uufiif dhaamaniiru.