Qellem Wallaggaatti waraanni Bilxiginnaa shamarree tokko gudeedduufi namoota jumlaan hidhun dhaga’ame.

Sagalee Qeerroo Logo

Qellem Wallaggaatti waraanni Bilxiginnaa shamarree tokko gudeedduufi namoota jumlaan hidhun dhaga’ame.

(SQ-Hagayya 24,2022)

waraanni faashistii Bilxiginnaa Hagayya 21/2022! Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo Ganda Tibbee jedhamu keessatti Shamarree maqaan ishee Badiree Baacaa Shuuramoo jedhamtu gareedhaan gudeeduu maddeen SQ nuuf himan.

Akka maddi keenya nuuf himanitti shamarreen waraana Bilxiginnaan gudeedamte kun yeroo amma miidhaa qaamaa fi xiin_sammuu hamaan miidhamtee jirti jedhu.

Gama biroon waraanni Bilxiginnaa Godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Leeqaa jedhamutti namoota 2 maqaan isaanii Obbo Abdoo Jibiriilii fi Dagguu Geetaahun jedhaman badii tokko malee hidhan jedhu.

Kana malees waraanni Faashistii Bilxiginnaa Maanguddoo ganna 70 Abduljabbaar Suleeyimaan, Hasan Bakar, Adam Umar, Ismaa’il Umar fi Adam Doobbaa kanneen jedhaman badii tokko malee erga qabanii booda, Aanaa Gaawoo Qeebbee, Bulchiinsa Magaalaa Arroojjiitti geessuun Waraana Bilisummaa Oromoo qabanne jechuun gabaa keessa naannessuun hiraarsaa turuu odeeffanneerra.

Namoonni badii tokko malee hidhaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi jireenya dhuunfa isaanii jiraatan yoo ta’u hawaasi naannicha sababa Waraana Bilxiginnaaf ijoollee keenya ergaatti ergachuu hin dandeenyu, ofiifis haala ulfaataa keessatti argamna jechuun dubbatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *