- Dargaggoo Taarikuu Dhaabaa humnoota waraanaa mootummaan reebicha irra gaheen iji isaa dhiiga booye.
Caamsaa 17/2023
Dargaggoo Taarikuu Dhaabaa kan tiktok dalaguun ummata isaa bohaarsee gaii argatuun jiraatu humni waraanaa mootummaa guyyaa kaleessaa caamsaa 16/2023 magaalaa Buraayyuu keessatti reebicha irratti raawwataniin qaroo isaa miidhamee dhiiga bohaa jira.
Dargaggoo Taarikuu Dhaabaa obboleessa isaa xiqqaa waliin gama tiktokn kan ummata buhaarsan yoo tahu sababaa hin beekamneen humnoonni waraanaa mootummaa reebicha hamaa irraan gahuun qaroon isaa miidhamee yeroo ammaa mana yaalaatti akka argamu beekameera.
Dargaggoo Taarikuu Dhaabaa nama siyaasaa kan hin taane yoo tahu hojii modeling hojjechuun kan beekamuu fi obboleessa isaa xiqqoo waggaa 6 hin caalle waliin gama tiktokn immoo hedduu hojiin isaa beekamaadha.