Reeffi Lammiwwan Itiyoopiyaa biyya irraa godaanan Yemen keessatti argame.

 

Yamanitti reeffi baqattoota Itoophiyaa hedduu argame.

Caamsaa 19/2023

Bulchiinsa Yaman dhiheenya Saawudiitti argamuutti reeffi namoota sababii adda addaatiin du’aniifi miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa jiru kan lammilee Itoophiyaa ta’uun himame.
Torban kana keessa suuraaleefi viidiyoowwan reeffa dubartoota baqattootaa dadhabbiifi beelaan du’an hedduun miidiyaalee hawaasaarratti qoodamaa turan namoota hedduu kan gaddiseese ture.
Suuraaleen kunneenis haala baqattoonni kunneen itti lubbuusaanii dhaban kan agarsiisuu yoo ta’u, yoo xinnaatte dubaRtoota 20 fi dhiiroonni lafarratti kufanii agarsiisa.
Waraabbiin viidiyoo baayyee gaddisiisu kun garuu yoomiifi bakka kamitti akka waraabame BBC’n hanga ammaatti mirkanneeffachuu hin dandeenye.
Haata’u malee, dubartoonni godaantoonni suricha irratti mul’atan dubartoota lammiilee Itoophiyaa biyya Yaman kan waraana keessatti argamturraa gara Sawudii miilaan imalaa turan ta’usaanii BBC Tigrinyaan godaantoota bakkicharraa dubbiseerraa hubachuu danda’eera.
Balaan kun kan qaqqabe bakka Raagoo jedhamuufi Yamaniifi Sawudii jidduutti argamutti akka ta’e godaantoonni lammiilee Itoophiyaa maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan himan.
Baqataan bakka reeffi jiru dhaqee ijaan arguu dubbate tokko, kanneen du’an kunneenis Caamsaa 17, 2023 gara Sawudiitti miilaan imala eegalusaanifi ‘‘sababii imala rakkissaa ta’efi dadhabiitiin du’aaf saaxilamaniiru’’ jedheera.
‘‘Reeffasaanii agarreera. Homaa gochuu waan hin dandeenyeef awwaalaa jirra. Bakki awwaalchaa hin jiru. Naanniichi ajaa’aa jira. Reeffii baayyeensaa hin awwaalamne,’’ jechuun haala jiru hima.
Dubartoonniifi dhiiroonni imalarratti dadhabanii turan du’aaf saaxilamusaanii kan dubbatu baqataan kun, imalichi bu’aa bahiin kan itti baayyatu waan tureef baqattoonni hedduun dadhabanii daandiirratti akka hafan BBCtti himeera.
“Gamoojjicha miilaan qaxxaamuru. Kanneen dadhaban ammoo namoota daddabarsaniin reebamu. Dubartoonni yoo bishaan dhoobotan, yoo beela’aniifi dadhaban ni reebamu. Kan isaan gargaaruufi isaan baatu yoo hin jirre daandiirratti kan du’an dhiisanii bira darbu.’’
Naannicha ilaalchisee baqataa BBC’n dubbise tokko akka jedhutti ‘’naannichatti namoonni du’an gara 20 tahu.’’
Wadii Raayyaa maqaa jedhuun akka ibsamu baqataan gaafate tokko faddaalota daddabarsa namaa hojjetaniin baqattoota Itoophiyaa irra miidhaa guddaan gahaa jira.
Baqattootni kunneen ‘’Yaman irraa gara Sawud Arabiyaa deemaa turan. Daandiin kun baay’ee dheeraadha. Dhiyeenyatti nyaatni ykn waanti dhugamu hmtuu hin jiru.
Beelaan, aduu fi dadhabiidhaan akka malee miidhaman. Namootni daandii agarsiisan warra dadhaban ni reebu. Lubbuu namaaf dhimma waan hin qabneef warra dadhaban daandii irratti gatanii darbu,’’ jedhe.
Wagga waggaan lammiileen Itoophiyaa kumaatamni gara Sawud Arabiyaa deemuuf imala baay’ee hamaa keessa darbu.
Baay’een isaanii ammo galaana irraan Yaman galuuf osoo yaalanii galaana keessatti dhidhimanii hafaniiru.
Kanaan dura gabaasa BBC’n hojjete irratti baqattootni hedduun haala qilleensaa ulfaataa keessatti dadhabbii fi dheebuu bishaaniin rakkataa turuu himaniiru.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman akka Aminestii Internaashinaalii fi Human Raayits Waach baqattootni Itoophiyaa mana hidhaa jiran harki isaanii kaateenaadhaan hidhamee rakkataa akka jiran himaniiru.
“Godaansi karaa seeraan alaa godhamu keessumaa gara sawud Arabiyaatti taasifamu akka funyoo mormatti nama kaa’uuti,’’ jechuun baqataan tokko haala isaa BBC’f ibseera.
‘’Daandii Bahaa’ jedhamuun kan beekamuun Afrikaa fi adunya airratti hula godaansaa seeraanalaa wal xaxaa jedhamuun beekama.

Maddi: BBC Afaan Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *