Salaaleen Farda luugamee , daa’imman waanjoo baachisee araara jechuutti jira.

Bakka Nagaan hin jirretti Misoomni hin jiru; Misooma dura lubbuun jiraachuu lammiileetu dursa!

Oromiyaan erga lammiileen ishee wabii lubbuun jiraachuu dhabnaii waggootni jahan lakkaayamaniiru.
Hiriirri tibbana kaaba shaggar Salaalee keessatti adeemsiofamaa jiru qaama kamiinuu yoo bahame ummatni Salaalee nagaan akka Oromiyaa keessatti bu’uuf Araara lallabaa jira nagaan Oromiyaa keessatti akka bu’uuf malee bu’aa siyaasaa kamiif akka hin taane dhaadannooleen Ummatichi dhageesisu irraa beekuun dandahameera.

Salaaleen kan kaleessa Dilbiin qotatee gootiraan isaa guutuu har’a sangaa ittiin qotatu dhabee waan nyaatee bulu dhabee lubbuun jiraachuuf araara kadhataa jira.
Salaaleen Farda luugamee , daa’imman waanjoo baachisee araara jechuutti jira.
Oromiyaan waggootan jahaa as nagaan dhibuun kan isaan yaadesse lammiileen Oromiyaa yeroo ammaa osoo qe’ee qabuu qe’ee isaa lakkisee gara lubbuu isaanii oolfachuu dandahanitti umatni godaanaa jira. Ummatni ni dadhabe! Ni gameef! Bahee galuu hanqate, qotee galchuu hanqate! kan waggoota muraasa dura Gootiraan isaa dilbii Sangootni isaa Cimdii Gootaraansaa ni one ; sangootni isaa ni qalaman , jalaa saamaman! Qe’eensaa ni diigame! qabeenyi isaa abiddaan barbadaaye! Manneen barnootaa dhaloota itti qaran har’a abiddaan barbadaayan! Sirni baruu fi barsiisuu ni dhabame dhalootni ni doome! Dhala itti dhabe, mana itti dhabe, kormaafi ameessa itti dhabe! Hunda caalaa immoo abdii itti dhabe! Abdii nageenyaa, abdii jireenyaa itti dhabe!.
Waraanni Oromiyaa keessatti waggoota jahan darban adeemsifamaa jiru fala dhabe araarri dhugaan dhibe haqni dhabame jennaan ummatni har’a kan isaaf dirmatu dhabee bahee araara kadhachuuf #IZGOO jedhee waaqa kadhachuu eegale.
Waraanni Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru gola Oromoo hunda duuti gale qe’een Oromoo gaddaan guutame . Haati ilmoo ishee itti dhabde jaarsi jaartii isaa itti dhabde , jaartiin jaarse ishee itti dhabde, Oromiyaa keessatti haqni dhibee kan du’ee awwaalcha dhabe ;kan hidhame gaaffii dhabe ; kan qaamaa hin hir’anne hin jiru kun hundi wareegamni kaffalamus nagaan hin argamne ! Abdiin nageenyaa ni dhibe afuurri nagaa haasawuu qawween tahuun Ummaticha yaaddessinaan har’a Salaaleen Araara jechuu eegale.
Salaalee keessatti waamichi araaraa tibbana eegale Oromiyaa guutuu keessatti taasifamuu qaba . waraana ummata kumaatamaan galaafatee kumaatamaan hidhaatti akka dararamu taasisaa jiruuf araarri akka dhufuuf kan qawween wal dhahu Ummatichaaf dursa kennuun nagaa fi tasgabbiin akka dhufuuf uummata keenya guddaa gidiraa argaa jiruuf araara kadhachuun itti fufuu qaba.
Gidiraa hin safaramne! Hidhaa, ajjeechaa, saamicha! kamtu himamee kamtu irra darbama? Mee dubbadhaa! Qe’ee eenyutu hin boohiin? Qe’ee eenyuutu hin diigamiin? Maatii eenyuutu hin rakkatiin? Gola Oromiyaa kamitu hin gidirfamiin?
“Nagaa nagaa nagaa” jedha uummanni! Nagaa barbaadnaa nagaa nuuf buusaa jedha. Bahee galuuf rafee ka’uuf Nagaa nuuf buusaa aara nu galfachiisaa jedha ummatni Salaalee!
Salaaleen farda luugamee, qotiyyoo camadee, qolee ijoolleerra waanjoo kaa’ee, marga jiidhaa qabatee daandiitti bahee Waaqattis, namattis iyyataa jiru kun Oromiyaa hunda keessatti itti fufee Nagaa Nagaa akka barbaadu Ummatichi ammas iyyachuu qaba.
Oromiyaan nagaa dheebotte! Mootummaan Ummatan bulcha jedhu nagaaf dursa kennuu qaba.
Mootummaan Ummataaf dhaabbate nagaaf dursa kennee araara nagaa sabichaaf lammiilee Oromiyaaf akka bu’u dhaabbatee of ilaaluu qaba.
Nagaan dhibuun har’a Oromiyaa keessatti kan dur Ummatichi midhaan gabaa baasee daldalatu, kan Horii isaa gabaa baasee gurguratu har’a sun hundi dhibee waan nyaatee bulu dhabee ofii lubbuun jiraachuuf Nagaa jechaa jira.
Ilmi Oromoo tokko har’a badii malee ajjeefamaa, hidhamaa jira. Mootummaan dargaggoota badii tokko malee qabee hidhuun hanga miliyoonaatti kaffalanii akka bahan gochuutti jira. kan qabu kaffalatee yeroo bahu kan dhabe hidhamee dararama, hidhaa irraa baafamee ajjeefama.
Dararaan Milishaan naannoowwan shaggar keessatti addatti dargaggoota Oromoo irratti raawwataa jiran kan nama qaanfachiisudha . Dargaggoota nagaa Buna dhugan bakka buna dhuganii ukkaamsuun mana hidhatati darbuun si ajjeesna moo Qr hanga kana kaffalta jechuun isaan dararu. Qarshii namootni hidhaman gaafataman kan maatiin isaa arganii hin beeknedha.
Oromiyaa keessatti Nagaatu dhibame! wabii lubbuun jiraachuutu dhibame! Haqatu dhibame! Guddaatu kabaja dhabe! Xiqqaatu kichuutti ajjeefame! kun hundi nagaatu dhibnaan Salaaleen tibbana nagaa nagaa jechuun araara lallabaa jira.
Hayyuun Oromoo afaan qabatee taa’e; Kan sabichaa dubbatu ni dhibame kan sabicha ajjeesu , hidhu , dararu , saamu malee kan sabaaf fala kaayu dhibame!.
Nagaa Nagaa! Sagalee Oromiyaa keessatti dhagahamaa jirudha.

#Salale, Oromia!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *