Hogganni ABO Abdii Raggaasaa eenyu?
maaliif hidhaman?
Ajajaan duraanii waraana Bilisummaa Oromoo fi Hogganni olaanaa ABO Obbo Abdii Raggaasaa Guraandhala 29 /2020 mana jiraatan keessaa hidhaman .
Jaal Abdii Raggaasaa godina Shawaa Lixaa Dirree Incinniitti bara 1969 dhalatan.
Maqaan dhalootaa isaanii Takluu ture, booda gaafa qabsootti seenan maqaan Abdii jedhu moggaafameef.
Barnoota sadarkaa duraa mana barumsaa Dirree Incinniitti, sadarkaa lammataa ammoo Ambotti baratan.
Barnoota sadarkaa lammataa erga xumuranii booda Kolleejji Poolisii galuun Sandaafaatti barnoota ‘Intalajansii’ ykn tikaa baratan.
Bara mootummaa Dargii waggaa tokkoof ministira haajaa alaa keessa qondaala tikaa ta’anii dalaganii turan.
Yeroosuma sagantaa barnoota al-idileetiin yuunivarsiitii Finfinnee galanii muummee barnoota saayinsii siyaasaa barachuu eegalan.
Osoo qondaala mootummaa Dargii ta’anii hojjetaa turanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin qunnamtii uummachuun, namoota ijaaruu dabalatee hojii adda addaa hojjetaa turan.
Bara 1991 kufaatii mootummaa Dargiin booda guutummaan guutuutti ABO’tti makamuun hanga ABO’n chaartara keessaa bahuutti qondaalaa tikaa ABO ta’uun tajaajilaa turan.
‘Zoonii Kibbaa jechuun Abdii Raggaasaa jechuudha’
Bara 1992 ABO’n chaartara keessaa bahuun dura Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Dhihaa gama Wallagga akkasumas zoonii Bahaa gama Harargee keessa socho’aa ture.
ABO’n chaartara keessaa bahuu hordofuun loltoonni TPLF zooniiwwan lamaan kanarratti xiyyeeffatee waraanaa fi hogganoota ABO adamsuu eegale.
Hoggannoonni dhaabichaa gariin ajjeefamanii, gariin ammoo yoo hidhaman gariin ammoo gara biyya ollaatti baqatan.
Haaluma kanaan Obbo Abdii Raggaasaa bara 1993 biyyaa bahanii gara Naayiroobii imalani.
Erga ABO’n chaartara keessaa bahe bakki waraanni ABO itti gadi of dhaabe Zoonii Kibba lafa Booranaa iddoo Solooloo jedhamutti
Zoonii Kibbaa kana gadi dhaabuu keessatti ammoo Abdii Raggaasaa nama shoora olaanaa taphate ture
Namni bara 1993 jalqaba zoonii Kibbaa saaqee bara 1991-92 hogganaa waajjira ABO Nageelle Booranaa kan ture nama #Mulugeetaa_Baqqalaa_Hirphaa jedhamudha.
Mulugeetaa Baqqalaa kun baruma san kan wareegaman yoo tahu Ergasii booda Abdii Raggaasaa, Olqabaa Lataa fi namoonni kaan gara Soloolootti imaluun Zoonii Kibbaa qubatanii leenjii eegalan.
“Waraanni kun hidhannoos, waan nyaatuufi uffatus osoo hin qabaatiin hamilee itti horee hogganaa waraana kana jiraachise jaal Abdii Raggaasaa tahuu seenaan duubee mooraa qabsoo ni mul’isa.
Biyya keessatti qunnamtii uumuun, waraanni deeggarsa akka argatu, akkasumas bobbaa loltoota mootummaa irraa aanee akka jiraatu nama taasisedha. zoonii kibbaa jechuun Abdii Raggaasaa jechuudha” .
Oromoo Booranaa naannoo daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa jiraatu biratti Abdiin nama gootummaan beekamuufi daran jaalatamudhas.
Bara 1998 kora hatattamaa ABO’n Moqadishuutti godhateen miseensa gumii sabaa ta’anii filataman.
1998 hanga 2004 miseensa gumii sabaa ta’anii Zoonii Kibbaa turan. Bara 2004 kora sabaa sadaffaa Eertiraa Asmaraatti taa’amerratti miseensa Shanee Gumii [Hojii Raawwachiiftuu] ta’uun filaman.
Bara 2005 gara Eertiraa imaluun hanga 2018 ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo ta’anii hojjetaa turan.
Jaal Abdii Raggaasaa Qabsaa’ota birattis, hogganoota birattis nama jaallatamu , akka hogganaa waraanaatti lolee kan lolchiisu, ajajuu qofa osoo hin taane hojjetee kan hojjechiisudha” .
Mootummaan Itoophiyaa hogganoota ABO durii kaasee addatti barbaachaa ture keessaa tokko Abdii Raggaasaa ture .
Mootummaan Itiyoophiyaa “Humna leenjiifi hidhannoo addaa qabu bobbaasee, akkasumas karaa Imbaasii Itoophiyaa Naayiroobii jiruu yeroo adda addaa hidhuuf yaalii gochaa ture” jedhu.
Jaal Abdii Raggaasaa erga bara 2018 Hoggantooni ABO gara Oromoyaatti deebi’anii booda itti gaafatamaa hojii ijaarsaa fi jaarmiyaa kan godina jiddugaleessaa ta’uun dhaabni ramadee hojjetaa osoo jiranii sirna Qabsaa’ota Oromoo hacuucuu fi ajjeesu oromiyaa garbummaa jalatti hankaaksuu barbaaduun guraandhala 29/2020 mana jiraatan keessaa qabamanii hidhamuun hanga ammaa mana hidhaatti Jaallan isaa biroo waliin mana hidhaa Shaggar Bulchinsa magaalaa Buraayyuutti waggoota shaniif hidhamii jiru.
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti olaantummaan seeraa mana murtii harka kanin jirre tahuu irraa kan ka’e poolisiin ykn qaamni aangoo of harkaa qabu Abbaan Irree ajaja mana murtii malee yakka tokko malee jaal Abdii Raggaasaa fi hoggantoota ABO biroo waggoota 4-5 hidhee dararaa jira.
dhugaadha