‘Itoophiyaatti manneen barnootaa 5,500 ol tajaajila kennaa hin jiran’ – Komishinii Mirga Namoomaa

Naannolee Itoophiyaa garaa garaa keessatti manneen barnootaa 5,500 ol tajaajila baruufi barsiisuu kennaa hin jiran jedhe Komishiniin Mirgooota Namoomaa Itoophiyaa.
Manneen barnootaa heddu tajaajila barnootaa kennuu dhaabuusaanin kan ka’e mirgi lammiileen barnoota argachuuf qaban sarbamaa jiraachuu beeksise komishinichi.

Sababa nageenyi dhabamuufi balaawwan uumamaa biyyattii mudataa jiruun manneen barnootaa tajaajila kennuu dhaabun alatti dhimma biraaf fa’aa oolaa akka jirantu ibsame.
Naannolee Itoophiyaan qabdu 12 keessaa naannolee saddeet keessatti manneen barnootaa 5,564 tajaajilaan ala ta’uufi ijoollen miliyeenan lakkaa’aman barnoota argata akka hin jirre ibse Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baasen.
Kuni ammoo biyyattii keessatti mirga lammiilen barnoota argachuuf qaban akkaan kan sarbe ta’uu komishinichatti Komishinara Mirgoota Dubartootaa, Daa’immanii, Manguddootafi Qaama Miidhamtootaa kan ta’an Aadde Rigbee Gabra Hawaariyaa BBCtti himan.

Manneen barnootaa biyyattii keessa jiran balaa nam-tolcheefi uumamaan cufamaa akka jiran kan himan Komishinar Rigbeen, bakkeewwan tokko tokkotti ammoo namoota sababa garaa garaan qe’eessanirraa buqqa’aniif bakka qubsumaa ta’uun tajaajilaa jiru.

Bakkeewwan qaamolee hidhataniifi humnoota mootummaa gidduutti lolli jiruttis qaamoleen wal-loluutti jiran iddoo buufataa godhatanii akka itti fayyadamantu ibsame.
“Naannoo Tigraayitti ammoo hojiin deebisanii ijaaruu saffisaa barbaachisuun gaggeeffamaa hin jiru,” jedhan Komishinar Rigbeen.
โ€œBakkeewwan garaa garaatti manneen barnootaa qiyyeeffannoo qaamolee wal-waraananii ta’u, manca’aniiru, diigamaniiru. Bakkeewwan akka kaampii waraanatti dhimma itti bahanis jira,” jedhan.

Keessumaa naannoolee haaraa hundaa’an Naannoo Kibba Itoophiyaafi Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaatti mindaan barsiisotaa yeroon kaffalamuu dhabuurraa kan ka’e manneen barnootaa cufamaa akka jirus himan.

Yeroo ammaa barattoonni meeqa sababa manneen barnootaa cufaa ta’aniif baruumsa akka adda kutanii jiran adda baasun rakkisaa akka ta’e kan himan Komishinar Rigbaan, sababni ammoo dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa ragaa faallaa ta’e akka dhiyeessan ibsan.

Haa ta’u garuu ragaa dhaabbileen biroo baasan wabii godhachuun Itoophiyaa keessatti barattoonni miliyeena 4 ol baruumsan ala ta’anii akka jiran ibsan.
Naannoo Amaaraa qofaa keessatti bara 2016 ALItti barattoonni miliyeena 2.6 baruumsarra akka hin jirre kan himan Komoshinar Rigbaan, kuni ammoo barattoota rakkoo wal-xaxaa garaa garaaf akka saaxilu dubbatu.

“Barattoonni waggaa sadi afuriif mana baruumsaa hin seenne jiru. Yeroo hamma kanaa umuriisaanii jalaa saamutti lakkaa’ama. Waggoota kana deebisuufii hin dandeenyu. Waanti dhalootarratti ta’aa jirus waan gaarii miti. Akka biyyaatti waan gudddaa dhabaa jirra,” jechuun haala barattoonni keessa jiran ibsan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, mirgi barattoonni barachuuf qaban biyyattii keessatti yaaddessaa ta’uu ilaalchisee ji’a Adoolessaa keessa Ministeera Barnootaafi biiroo barnootaa naannolee wajjin mariyachuu beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *