Waraanni mootummaa Itiyoophiyaa obbolaa lama manaa fuudhee ajjeese.
(SQ- Hagaya 04,2022)
Guyyaa har’aa humni waraanaa Abiy bobbaase Oromiyaa lixaatti obbolaan haadhoo lama manaa baasee rashane jedhu jiraattonni SQf yaada laatan.
Gochi suukkanneessaan kun kan raawwate Wallagga Bahaa Ona Gidda Ayyaanaa Ganda Guddinaa Calliyaatti yoo taโu Mootii Dhaabaafi Lammii Dhaabaa qeerroowwan jedhaman badii tokko malee mana isaanitii fuudhanii deemaniiru ajjeesanii gatan jedhu jiraattonni.
Obbolaan lamaan kun siyaasaa kamuu keessa kan hin jirre yoo taโan Mootiin barsiisaa yommuu ta’u, Lammiin yuunversiitii irraa eebbifamee lamaan isaaniiyyuu boqonnaa gannaaf maatii isaanii bira osoo jiraniiti kan sababa Oromummaa isaaniitiif ajjeefaman kan jedhan jiraattonni sirni jiraachuu ilmaan Oromoo hadheeffate kun ajjeechaa gara jabinaa kana obbolaa irratti raawwachuudhaan mana haadha Oromoo gaddaan golgoleesse jedhu.