Godina Wallagga Bahaa Ona kiiramuu keessatti waraanni pp barataa kutaa 8ffaa ajjeese.
(SQ-Hagayya 5,2022)
Guyyaa kaleessaa Hagayyaa 04,2022 Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuutti barataan kutaa 8ffaa Addisuu Tafarraa jedhamu oggaa inni lafa qonnaa irraa galu waraanni mootummaa Bilxiginnaa bal’eessaa tokko malee karaatti qabanii ajjeesuun reeffa isaa lagatti gatanii biraa deeman jechuun ummatni naannoo hubachiiseera.
Guyyuma kana waraanni mootummaa Bilxiginnaa Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa ganda Guddinaa Calliyaatti obboleeyyan lama Mootii Dhaabaa fi Lammii Dhaabaa jedhaman ajjeesuun isaanii gabaasameera.
Guyyuma kaleessaa Lixa Wallaggaa Ona Begii jalatti kan argamtu Kobor keessattis waraanni Bilxiginnaa fi miliishotni gaachana sirnaa jedhamuun ijaaraman lammiilee Oromoo 10 ajjeesuu isaanii oduun achii ba’u mirkaneessee jira.