Tooftaan Shiraa fi humni kamuu galii Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) hanqisuu fi Jallisuus hin dandahu .

Tooftaan Shiraa fi humni kamuu galii Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) hanqisuu fi Jallisuus hin dandahu .

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 9/ 2005 ifatti Adda Bilisummaa Oromootiin FDG labsamee hirmaannaa Ummata bal’aa Oromootiin guutuu Oromiyaa keessatti kan dhoohe Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) kunoo waggoota 19ffaa isaa lakkoofsisee jira. Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 09, bara 2005 bifa sanaan eegaluu keessatti wareegamni Ummatni keenya akka waliigalaatti baasee fi addatti ammoo, dargaggootni barattoota Oromoo yeroo sanaa qoodni qabaatanii fi wareegamni isaan baasan iddoo ol’aanaa qaba.

Akeekni Fincila Diddaa Gabrummaatti seenuun barbaachiseef Qabsoon Bilisummaa Oromoo haala qabatamaa yeroo kan siyaasaa fi dinagdee, akkasumas, haala teessuma lafaa Oromiyaa wajjin kan wal simatu tooftaa fi tarsiimoo bal’aa fi cimaa taheen masakamee deggersaa fi hirmaannaa bal’aa Ummataatiin hammatamee akka finiinuu fi galma gahiinsi isaatis shaffisuuf ture.
Sadaasa 09, bara 2005 irraa kaasnee akka tooftaa fi tarsiimoo tokkootti kan qabate ABOn Sochiin Diddaa Ummataa cimaan kan Ummatni keenya maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa jedhuun geggeessaa jiru sadarkaa guddinaa fi bu’aa-bahii hedduu keessa qaxxaamuraa fi yeroo irraa yerootti jabaachaa osoo addaan hin citin wareegama ulfataa kaffaalaa bara 2011 keessa Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa Fi Dimokiraasiif jedhu bifa jaarmiyaan akka qindaayee dhalatu taheera .

Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kunis maqaa isaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jechuun as Heeraa fi seera ABOn taliigamee kaayyoo fi akeeka isaa galmaan gahuuf riphee lolaaa maggaalaa tahee loluuf dhalate.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan bara 2011 hundeeffamee sochii Diddaa Ummataa kana caalaatti qindeessuu fi finiinsuudhaan Sadaasa bara 2015 (waggaa 10ffaa FDG) irraa eegalee Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Fincila Xumura Gabrummaatti ceesises Sochii seena-qabeessa Sadaasa 09, 2005 irraa eegalee Ummata keenyaan geggeeffamaa jiru kana keessaa dhalatee sochii hammaataa taasisuun wareegama kitilaan itti kaffaflameen bara 2018 jijjiiramni akka dhalatuuf gahee isaa bahateera.

Har’a waggoota 19 of duuba deebinee yeroo mil’annuu fi haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo gaafa sana irra turee fi sadarkaa har’a dhaqqabe wal bira qabnee oggaa madaallu wareegamni ummatni Oromoo addatti immoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo harka duwwaa rasaasa dura dhaabbatee kaffaleen namootni kaleessa Oromoo ajjeesisaa fi hiisisaa achi buutee isaa dhabsiisaa turan maqaa jijjiirratanii aangootti bahanis humna kaleessa olaantummaa TPLFn ture of irraa darbuun nagaan waan dhufe itti fakkaatee sochii jireenyaa isaa calqabatuuf qabsoo karaa nagaatti amanuun ammas kan kaleessaa caalaa wareegama ulfaataa akka kaffaluuf sababa taheera.
ummatni Oromoo qabsoon isaa ammas guddaa tahus injifannoon gama kanaan argame kan Ummata keenya boonsu tahuu hubanna.
Har’a ol’aantummaan meeshaa waraanaa fi deggersi mootummoota aangawoo Addunyaa kan diinni keenya itti abdatu Ummata mirga isaa falmachuuf murannoo fi tokkummaadhaan ka’e of duuba deebisuu akka hin dandeenye diina keenyatti agarsiisuun danda’amuutti dabalee sochiin kun Ummatoota cunqurfamoo biroofuu fakkii tahuu qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo Heeraa fi seera ABOn taliigamee taasise ifaadha.

Sochiin Ummatni Oromoo kan maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhuun eegalee bara 2011 keessa Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka dhalatu taasisee waggoota 19n dabraniif geggeeffamaa jiru qaama Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOdhaan hoogganamuu ti.
Adeemsa qabsoo kana keessatti Ummatni keenya wareegama ulfaataa baasaa yoona gahe. Wareegama qaalii fi ulfaataa qabsaawota ilmaan isaatiin har’a Ummatni keenya Bilisummaa Jaarraa tokkoo oliif dheeboteef xumura itti gochuu hanqachuun immoo dogoggora seenaa tahuun har’as Ummatni Oromoo wareegama akkaan ulfaataa akka kaffaluuf Sababaa tahuun Oromiyaa Osoo dachee badhaatuu taatee jirtuu nageenyi lammmiilee ishee dhibuun rakkoo hamaa keessa seentee jirti.

Har’a Impaayera Itiyoophiyaa keessa nagaan hin jiru ummatni miliyoona 86 tahu beelaan dararamaa jiraachuun rakkoon bu’uuraa qabsoo Oromoo furamuu ykn fala argachuu hanqachuu irraa kan ka’e nagaa fi tasgabbii dabalatee beelaan ummatni miidhamaa jira.

Har’a Ummatni keenya maaliif akka qabsaawaa jiruu fi galmi qabsoo isaa eessa akka tahe bareechee waan beekuuf garuu hattootni siyaasaa kamuu gonkumaa hin milkaawan. Hundaa olitti ammoo kanneen caasaa diinaa keessatti iddoo murteessituu qabsiifamanii qabsaawotaa fi QBO irratti yakka gurguddaa dalagaa jiran qaama qabsoo kanaa tahuu akka hin dandeenye hubatamee balaa isaan fira fakkaatanii geessisuuf yaalan hanqisuuf hojjechuun dhimma murteessaa tahuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni akeeka.

Sadaasa 9 Guyyaa FDG waggaa 19ffaa yeroo yaadannee oollu kanatti qabsoo ummatni Oromoo Bilisummaa isaa argachuuf taasisee fi wareegama kaffalameef kabajaa kennuun qabsoo Itti aanuuf Heeraa fi seera ABOn taliigamee qabsoon Ummata keenyaa akka galma gahuuf Irbuu ni haaromsanna.

Dargaggoota Oromoo osoo akka bara kanaa kallattiin quunnamtiin hin jiraatiin warreen Oromiyaa guutuutti akka qabsoon finiintuuf ofii wareegamanii warra lubbuun jirruuf riqicha tahan ,warra dhiigni isaanii akka bishaanii daandii irratti lola’e,warreen achi buuteen dhabame,warreen ajjeefamee awwaalcha dhabe yaadachaa xurree Jaagamaa Badhaanee, Gaaddisaa Hirphaasaa,Durbee Dirribee Jifaar fa’i irratti kufan qabannee qabsoo Ummata Oromoo akka galma gahee nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa keessatti akka jiraatu ; Mootummaan ummataan filame ummataaf hojjetu akka dhaabbatu , Mootummaa sagalee Ummataa kabaju akka hanga ijaaramutti qabsoo Ummatni keenya taasisuuf dura buunee akka qabsoofnu waadaa keenya haaromsachaa waggaa 19ffaa FDG yaadannee oolla.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee,Oromiyaa
Sadaasa 9,2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *