Lafa barii dukkanni ni hammaata.
Giddaa Ayyaanaa
Taatee guyyaa har’aa hidhattoonni Faannoo Aanaa Giddaa Ayyaanaatti raawwatan hamilee nama cabsa. Namni nagaa manaa ba’ee bakka tokkotti yeroo rashanamu, sanuu ammoo humna hidhatee daangaa ce’ee dhufe kan mootummaa naannoo Oromiyaa jiraachuu mormu tokkoon tahuun daran nama dhukkubsa , ilmaan Oromoo yeroo dhuman callisuun Mootummaa naannoo Oromiyaa agarsiiftuu maaliiti laata?
Uummatni Godina Wallagga Bahaafi Horro Guduruu gidiraa sirna nafxanyaa leellisaniin haala hamaa ulfaataa akkasii keessatti erga kufee waggaa afur caaleera. Mootummaan Naannoo Oromiyaan bulchan ofiin jedhu garuu ammallee akka waan Godinaaleen kun Oromiyaa hin taanetti callisaan du’a lammiilee ilaalaa jira
Yoo cimee cime, uummatni hidhattoota kana akka ofirraa qolatuuf, uummatichaaf karaa gadi dhiisuun ummaticha hidhannoo godhatee akka of irraa qolatu taasisuun ni dandahama .
Nageenya uummata kanaaf wabii tahuu erga hin dandeenyee aangoon barcuma qabatanii qabeenyaa itti kuusatan gatii nama baasisa.
Namoota lubbuun darban waaqayyo jannataan haa qananiisu.
RIP
