Ajjeechaa jumulaan Giddaa Ayyaanaatti raawwatame shira hoggantoota Mootummaa olaanaan qindaaye tahuun beekame.
Humni hidhate kan daangaa Oromiyaa cehuun lammiilee nagaa jumulaan Ajjeechaa raawwate shira tahe jedhamee hoggantoota olaanoo mootummaan tahuu keessa beektotni nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti ajjeechaan jumulaan Faannoon daangaa cehuun wallaggaa Bahaa Giddaa Ayyaanaatti raawwate wayita hoggantootni olaanoon mootummaa wal gahii torban lamaaf turu Adaamaatti guyyaa kaleessa Fulbaana 14/2023 eegalanitti raawwatame.
Akka keessa beektotni jedhanitti ummata nagaa irratti ajjeechaan jumulaan Faannoon raawwatame kun akka walgahiin Adaamaatti gaggeeffamaa jiru hoggantoota Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa gidduutti wal dhabdeen uumamee wal gahiin sun adda cituu fi humni hidhannoon lolu Faannoon jiraachuu Oromoyaa fi Oromoo cimsee kan balaaleffatu akka sagalee dhageettii argatee Addunyaan gurra kennituuf itti yaadamee hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraan kan qindeeffamee ajjeechaan jumulaa kun raawwatame tahuun beekameera.
Ummatni Oromoo golee Oromiyaa keessa jiruu fi biyyoota Addunyaa keessa jiru Ajjeechaa jumulaa humna Faannoon Giddaa Ayyaanaatti raawwatame kana cimsee balaaleffachuu qofa osoo hin taane wal ijaaree hidhatee daangaa Oromiyaa tiksachuun yeroo kamuu caalaa murtee tokko irra akka gahatu dhaammanna.
Hanga ammaatti Ajjeechaa jumulaa raaweatameen mootummaan Naannoo Oromiyaas tahe mootummaan federaalaa waan dubbate hin qabu.
Ajjeechaa jumulaa kanaaf mootummaan beekamtii kennee gadda labsee Alaabaan biyyittii akka gadi hiiqee mirmirsamu gochuu qaba.