Qondaloota ABO fi Gaazexeesitoota ONN Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Sabbataa jiran ji’a 4 fi guyyaa 14 booda har’a mana murtii Walii galaa Oromiyaatti dhiyeessun himata itti banuun dhagaa’ame.
(SQ-Bitootessa 29,2022)
Qondaalota ABO fi Gaazexeesitoota ONN walii gala namoota 17 kan mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Sabbataa jiran.ji’a 4 fi Guyyaa 14 booda har’a jechuun Bitootessa 29,2022 ykn 20,2014 mana Murtii Walii gala Oromiyaatti dhiyeessun himata Mootummaa Angoo irra jiru ugguruuf yaalirra turtan jedhu irratti banu maddeen SQ nuuf himan.
Gaazexeessaa Dassu Duula, Biqilaa Amanuu fi Dachaasaa Wirtuu namoota himani kun irratti baname keessa jiraachuu odeeffanneerra.
Mootummaan Bilxginnaa ji’aa 4 fi Guyyaa 14 erga hidhee booda himata dharaa irratti bane. akka seera biyyattiti namnni tokko erga to’annoo seera jala olee sa’a 48 giddutti Mana Murtiitti dhiyaachuu qaba ture haa ta’uu malee Bilxginnaan ofii isaa seera biyyatti cabsun hidhamtoota siyaasaa dararaa jira.
Manni Murtii Walii galaa Oromiyaa Qondaalota fi Gaazexeesitoota ONN beellama itti aanu Bitootessa 29,2014 A.L.Itti beellamerra.