Waraanni Abbaa Irree Abiyyi Magaalaa Baakkootti Abbaa qabeenyaa rasaasaan rukute

Waraanni pp Qarshii kennuuf didan jennaan rasaasaan rukutanii du’eera jedhanii deeman 

Godina Shaggar lixaa magaalaa Baakkootti Nama Dinqaa Olaanaa jedhamu jiraataa Baakkoo Tibbee magaala Baakkoo kan ta’e gaafa guyyaa 16/08/20016 guyyaa gabaa waan taheef daldala midhaanii bitee gurguruun kan jiraatu maallaqa ittiin hojii hojjetu mana baankiidhaan baafatee bulee isaa midhaan bituuf galgala mana isaatti qarshii baafate fudhatee mana isaatti gale.

Waraanni Abbaa Irree gochaa kana arge Galgala halkan waarii keessa waraanni  magaala sana keessa socho’u mana isaa itti cabsanii seenuun maallaqa sana saamuuf yaalii gaafa godhan qaamni kun ariifatee maallaqa waan kennuufi dideef cinaacha isaa bitaa irra rasaasa 3 rukkutuun du’eera jedhanii biraa deemanis lubbuun oolee yeroo ammaa  hospitaala Aabet Finfinneetti yaalamaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *