Nuyi qaama Nageenyaati jechuun Buraayyuutti namootni 5 saamicha raawwatan

Nuyi humna nageenyaati; yakkaan barbaadamtu” jechuun diorsisanii Namoonni dhuunfaa hogganaa buufata gaazaa Nok irraa maallaqa saaman”

Dhaddachi yakkaa Mana Murtii Waliigalaa naannoo Oromiyaa yakka kana irratti murtii kenneera .

Himatamtoonni:
1ffaa. 1. Caalaa Magarsaa
2ffaa. Lalisaa Baqqalaa , .
3ffaa Daawit Guddataa ,
4ffaa. Johannes Darajjee
5ffaan Burtukaan Lataa kanneen jedhamanidha .

Himatamtoonni lakkoofsa idilee 1ffaa hanga 4ffaatti maqaa dhahaman Sadaasa 19, 2015 ganama sa’aatii 11:00 irratti miidhamaa dhuunfaa kan hogganaa buufata gaazaa Nok ta’e naannoo magaalaa Sheger naannoo magaalaa guddittii Gefersaatti ” nuti humna nageenyaati, yakkaan barbaadamtu”.jedhanii Sana booda akka alaa fi keessaan akka hin mul’annetti istikaara uwwisuun, konkolaataa manaa qopheessan keessa kaa’anii naannoo Malkaa Noonnoo bakka Anfoo jedhamutti geessu.

Sana booda suuraa nama du’e agarsiisanii meeshaa waraanaatiin doorsisuun, birrii walakkaa miliyoonaa fidaatii isin lakkisna jedhu.

Yoo ati maallaqa hin kaffalle “gara humna waraanaa si geessina” jechuun maallaqa akka kaffalu doorsisu.

Kana hordofuun miidhamaan dhuunfaa kun herrega baankii isaa keessa kuma 100 akka qabu itti hima.

Yeroo sanatti himatamaan 1ffaan haadha warraa isaa kan taate himatamtuu 5ffaa irratti birrii kuma 100 karaa baankii moobaayilaa akka dabarsu gochuun Birrii kuma 400 hafe akka fidu akeekkachiiseera.

Himatamtuu 5ffaan himatamaa 1ffaa waliin ta’uun madda isaa dhoksuuf jecha maallaqa adda addaa baasuun maallaqa seeraan ala argame kana itti fayyadama dhuunfaaf akka itti fayyadaman galmeen dhimmichaa ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *