Ajjeechaa fi hidhaa Miseensota isaa irratti raawwatamu KFOn balaaleffate

KFO’n miseensotaafi hooggantoota isaa irratti ajjeechaafi hidhaan raawwatamaa jiraachuu ibse.

Ajjeechaafi hidhaan taasifamaa jiru sadarkaa seera dhabeessummaan irra ga’e mul’isa kan jedhu KFO’n ibsa kaleessa baaseen, abdii kutannaa warra aangoorra jiruu argisiisa jedhe.

Hidhamtoonni Siyaasaa bakkoota addaa addaatti hidhamanii jiran gadi lakkifamuun mariin furmaataa akka taasifamu KFO’n gaafateera. 

Mootummaan naannoo Oromiyaa hooggantootaafi miseensota KFO dhabamsiisuu irratti cichee hojjechaa jiraachuu KFO’n ibse.

Waggoota darban keessatti hooggantoonniifi miseensonni isaa ijoo ta’an harka sirnichaan hidhamaafi ajjeefamaa turuu himee jira.

Waajjiraaleen KFO cufamuu dabalatee caasaa dhaabaa jabeessuuf tarkaanfii taasifnu mootummaan itti dhiyeenyaan hordofuun gufachiisaa turee jira jedhe.

Obbo Shaamanii Beenyaa miseensi koree giddugaleessaa KFOfi qindeessaa koree KFO kan Godina Shawaa Bahaa Eebla 17, 2024 magaalaa Adaamaatti humnoota mootummaan ukkaamfamuun hidhamuu ibse.

Buraayyuu, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo, Wallagga Bahaa irraa miseensonniifi hooggantoonni isaa olaanoo humnaan hidhamuufi ukkaamfamanii jiraachuu KFO’n beeksiseera.

Tarkaanfiiwwan seeraan ala fudhataman qabsoo karaa nagaa taasisnu duubatti hin deebisan jechuun ibsee jira KFO’n. 

Sirni aangoorra jiru miidiyaa of harkaa qabu fayyadamuun olola oofee dhaabota karaa nagaa qabsaa’an waliin karaa nagaa ta’een mari’achuuf fedhii kan qabu fakkeessee of mul’isuun isaa nama gaddisiisa kan jedhu, marii qulqulluufi dhugaa hin taane geggeessuuf fedha akka hin qabne tarkaanfiiwwan dhiyeenya fudhate agarsiistuudha jedhee jira.

Miseensota isaa ilaalcha siyaasaa isaanii qofaan hidhuufi ajjeesuu akka dhaabu KFO’n ibsa kanaan gaafateera. 

 

Hidhamtoonni siyaasaa biyyattii keessa jiran hatattamaan akka hiikaman kan gaafate KFO’n, mormitoota waliin dhugaadhaan taa’uun haala amma jiruuf furmaata siyaasaa barbaaduufi uummata balaa dhufaa jiru irraa akka baraaru jechuun gaafatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *