Waggaa 28 Magaalaa Danbi Doollootti Siidaan yaadannoo ijaarameef Wellisaa Eebbisaa Addunyaaf

Waggaa 28 booda Siidaan Wellisaa Eebbisaa Addunyaa bakka dhaloota isaatti hojjetameef !

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaacheera .

Ogummaa gitaaraa, walaloowwan jajjaboo hamilee ummataa cimsanii fi dhuunfaadhaanis qabsoo keessatti nama qooda fudhatedha.

Hacuuccaa ummata Oromoorra ga’aa tureef onnee guutuudhaan qabsaa’aa ture. 

Eebbisaan Gama tokkoon seenaa fi afaan Oromoo guddisuu, gama biraan ammoo qabsoo diddaa gabrummaa keessatti qooda fudhachaa ture, boodarra muuziqaaf jireenyasaa kennee utuu hojjetuu du’e.

Eebbisaan harmee isaan akkas jedhee qabsootti makame”Booddee koottis garagalee hin ilaaluu, kanatu ta’e, sanatu ta’e hin jedhu, an seenaa hojjechuurraa booda hin deebi’u jechuun akkuma dubbate Seenaa hojjetee wareegame”

Waggaa 28 booda magaalaa Danbi Doollootti dhaloota kaayyoo fi Akeeka inni itti wareegametti cichaniin Siidaan dhaabbateef !

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *