๐—ž๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐—ฟโ€™๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—น๐—น๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—บ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ธ๐—ฎ๐—ป ๐˜๐˜‚๐—ฟ๐—ฒ ๐—พ๐—ผ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—น๐—ถ ๐—”๐—•๐—ข ๐—๐—ฎa๐—น ๐—ž๐—ผ๐—น. ๐—š๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚ ๐—”๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐— ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ ๐— ๐˜‚๐—ฟ๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—œ๐—ท๐—ถ๐—ฏ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ ๐—™๐—ฒ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—ฎ ๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ ๐Ÿฏ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฑ๐—ต๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ฒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ.

ย  ย  ย  ย  ย  ย  ย  ย  SQ – CAAMSAA 19,2022
Akka maddeen keenya nuuf ibsanitti, akka dhiyaatanii deebisaa laataniif kan ajajaman Abbaan Alangaa Federaalaa fi Poolisiin Federaalaa dhiyaachuun dhimmicha irratti deebii laataniiru.
Akka dhaddacha kana irratti ibsametti, Poolisni Federaalaa Abbaan Alangaa Federaalaa waan ol iyyannoo irratti gaafateef karaa Poolisii Oromiyaa barbaachisee Jaal Kol. Gammachuu qabuu kan ibse yoo tahu, Jaal Kol. Gammachuun gama isaanitiin gaafan qabame wantin bakka biraatii barbaadame hin turre; Poolisa Federaalaa fi Poolisa Oromiyaa akkasumas Tikni walumaan tahanii na qaban jedhe.
Dhimma kana irratti Abbaan Alangaa Federaalaa gama isaatiin deebisaa laateen, Poolisni Federaalaa Poolisa Oromiyaatu amaanaa na bira keewwate jechuun ibsuufii eeree, gama isaatiin qondaala ABO Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa irraa akka dhimma hin qabne xalayaadhaan Poolisa Federaalaaf ibsuu hubachiise.
Poolisiin Federaalaa ammoo, qaamni qabee nutti kenne Poolisiin Oromiyaa akka nu irraa fuudhuuf xalayaan gaafannee dabrees qaamaanis itti geessinus Poolisiin Oromiyaa nu dide jechuudhaan dhaddacha harโ€™a oole kanaaf ibse.
Maayii irratti Poolisiin Oromiyaa qaamaan dhiyaatee dhimma kanaaf deebisaa akka laatu ajajuudhaan Manni Murtii Ijibbaataa Federaalaa Dhaddacha 3ffaa Caffee Araaraa (6 Kiiloo)tti argamu Wiixata, Caamaa 23, 2022tti beellama qabee jira.
SBO IRRAA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *