Liqeessitoonni Itoophiyaa ‘seeraan’ gaafachuu malla jedhan.
Mariin liqaa Itoophiyaan osoo hin kaffaliin hafte irratti xiyyeeffachuun Ministeera Faayinaansii Itoophiyaa fi koree liqeessitootaa gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurameera.
Itoophiyaan liqaa boondii Yuuroo miliyoona tokko tahu osoo hin kaffaliin haftee ture.
Ministeerri Faayinaansii Itoophiyaa mariin gaggeessaa ture ”sadarkaa gaarii irra gaheera” jedhus koreen liqeesitootaa garuu ”waliigalteerra hin geenye” jedhan.
Koreen kun Itoophiyaa ”seeraan gaafachuu” akka malan himan.
Bara 2016 jalqabee mootummaan kaffaltii dhalaa irraa eegamu liqeessitootaaf raawwachaa hin turre.
Itoophiyaan haala kaffaltii itti raawwattuu fi yeroo isaa irratti liqeessitoota waliin marii gaggeessaa turte.
Marii tibbana liqeessitoota waliin Faransaay, Paarisitti gaggeeffame irratti gareen Itoophiyaa dhaabbata gorsa seeraa kennu, Waayit and Keez jedhamuu fi Laazaard jedhamu qabachuun dhiyaatan.
Koreen liqeesitootaas gorsitoota seeraa isaanii qabatanii dhiyaatan.
Itoophiyaan liqeessitoota ishee haala wal fakkaatuun keessummeessuu irratti ejjennoo dhaabbataa qabdi.
Haala kaffaltii liqaa kana dursitee kan dhiyeesite Itoophiyaa yoo tahu koreen liqeesitootaas kan isaa dhiyeeffateera.
Mootummaan Itoophiyaa haalaa fi yeroo kaffaltii liqaa irratti haala mijataan akka uumamuuf karaa gaggeesitoota G20 marii gaggeessaa ture.
Kana dura mootummaa Chaayinaa waliinis haaluma kanaan waliigaleera. Kanaaf Itoophiyaan liqeesitoota ishee haala wal fakkaataan keessummeessuu akak barbaaddu ibsite.
Mariin waliigaltee malee xumurame kun torban sadii fudhate. Ministeerri faayinaansii Itoophiyaa waliigalteerra gahamuu baatus ”fooyya’insa guddaa” akak galmaa’e amanna jedhe.
Itoophiyaan garaagarummaa gidduu isaanii jiru dhiphisuuf marii itti aanu gaggeessuuf balballi ishee bana tahuu himte.
Haatahu malee, koreen kun waliigalteerra gahuun waan hin danda’amneef ‘filannoo seeraa ilaalla” jechuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.