๐ƒ๐ฎโ€™๐š๐š๐ง ๐Ž๐Ÿ ๐๐ข๐ซ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ ๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐๐ฎ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐€๐๐Ž ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐“๐จ๐ฅ๐š๐ฌ๐š๐š ๐๐ž๐ ๐ข๐ข ๐ƒ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ˆ๐›๐ฌ๐š ๐†๐š๐๐๐š๐š ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐€๐๐Ž)

๐ƒ๐ฎโ€™๐š๐š๐ง ๐Ž๐Ÿ ๐๐ข๐ซ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ ๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐๐ฎ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐€๐๐Ž ๐‰๐š๐š๐ฅ ๐“๐จ๐ฅ๐š๐ฌ๐š๐š ๐๐ž๐ ๐ข๐ข ๐ƒ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ˆ๐›๐ฌ๐š ๐†๐š๐๐๐š๐š ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐€๐๐Ž)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n Miseensa buleessa isaa du’aan of biraa dhabuuf gaddi itti dhagahame akkaan ol’aanaa dha.

Jaal Tolasaa Beegii Deettii giddu gala Oromiyaa godina Lixa Shaggar Ona Meetaa Roobii Ganda Kuyyuu Gucciitti bara 1960 abbaa isaanii Obbo Begii Deettii fi Haadha isaanii Aadde Hawwii Didaa irraa dhalatan.

Jaal Tolasaan ijoollummaa isaati kaasee dhiibbaa fi dhiittaa alagaan Ummata Oromoo irratti raawwatu balfuun nama roorroo fi hiraarsi mootummoota abbaa Irree Ethiopia osoo hin jilbiiffachiisin xiiqiin Qabsoo Oromoo keessatti dhalatee guddate jaala dorgomaa hin qabnnee dha.

Qooda qabsoo kennaa turaniinis,qabsoo roga hundaa finiinsuun wareegama baasaa tureen,diinagdeen, humnaan, qaamaan,qalbiin qabsoo Oromoo keessatti qooda fudhataa tureen, WMT fi ABO keessatti qooda ifaa fi mul’ataa kenneera.

Jaal Tolasaan Miseensaa Waldaa wal gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa (WMT) tahee qooda isarraa eeggamu bahataa tureen daandii ijaaruun, bishaan galchuu jirattota naannoo dhaloota isaan kabajaa fi jaalala addaa akka gonfaate ni himama.

Jaalli keenya kun Hiriyaa ijoollummaa isaa Jaal Laggasaa Wagii waliin akka guddatan seenaan isaa ni ibsa. Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qooda fudhateen, Yeroo Jaal Laggaasaa Wagii waliin turan hojiin qabsoo biyya keessatti ABO n geggeessu magaala keessaa haala hojii mijeessun tumsa qabsoo yeroo Jaal Laggaasaan dirree deemu inni magaala keessatti hojii waloon itti turan tuumsa qabeenya fi ijaarsa hanga konkolaata dhuunfaa isaa tajaajila hojii qabsoof kennuun caasaa dhaaba biyya keessatti ABO sochoosa ture bara sana keessatti gahe qabsoo isa bahaata tureera.

Yeroo adda addaatis sirnoota mootummoota abbaa Irree Itoophiyaa dhufaa darbaan hidhaame hiraarfamaa tureera.

Jaal Tolasaa hidhaa fi roorroon manatti hin deebisnee, bara 2018 yeroo simaana hoggaansa ABOf godhame keessatti koree simannaa Magaala Buraayyuu ta’uun miseensotaaf ummattota qindeessuun simannaa bifa ho’aan taasisuu keessatti gahe guddaa bahatan.

Qabsoo Bilsummaa Oromoo ABOn durfamu keesaatti qooda addaa kenneen Waajjira dhaabaaf akka oolu mana jireenyaa isaa kennee, hanga gaafa murna aangoo afaan qawween dhuunfateen cufamuutti hojiin jaarmiyaa fi siyaasaa itti hojjatamaa tureera.

Amajii 25, 2019 mana jireenya isaani naannoo Burayyuuti argaamu tibba simannaa godhame boodas dabaan fincilaa Burraayyuti situ qindeesse nama Taamirat Xaazoo jedhamu ajjeeste jedhaniinii sobaan yakkan. Obbo Taamirat Xaazoo kun hanga harโ€™atu lubbuun jira. Sobaan fincilaa kaaste jechuun reebichaa fi hiraaraf erga saaxilame booda nama ajjeeste jechuun himata sobaa nama lubbuun jiru ajjeefame jedhani himaatani ganna 13 itti muurteessan; Haa tahu malee namni ajjeefame jedhame sun ragaa faccisaa Jaal Tolaasaa Beegii fi Jaallan biroo tahee dhufullee gad dhisuuf sirni kun fedhi hin godhanne.

Haa tahu malee dhimma galmee himaannaa isa dhaabnis hordofuun boordii filannoo dabalatee qaamolee adda addaatti iyyaachuun sobaan murtiin irratti murtaaโ€™uu ol iyyaana adda adda erga godhame booda ganna Afuriif (4) fi ji’oota Torba mana hidhaa Qilinxoo fi Qaalittiitti erga hidhamee booda mana hidhaarra bahe.

Jaalli keenya rakkoo mana hidhaa keessatti irra gaโ€™ee dhukkubaa tureen Walโ€™aansaaf Hospitalaa Phaawuloositti osoo walโ€™aanamuu gidiraa dhibee dhiibbaa diinaan irra bubbule irraa dandamachuu dadhabee gaafa Onkololeessa 10, 2025 Addunyaan irraa godaane.

Sirni awwaalcha isaa harโ€™a Onkololeessa 11, 2025 magaalaa Finfinnee naannoo Wingeetitti saaโ€™atii 1:00pm (7:00) tti gaggeeffama.

Jaal Tolasaan Bara 1987 Aadde Iteetee Maangashaa Waliin bultiin ijaarachuu Abbaa ijoollee sadii(3) dhiira tokkoo fi Dubara lamaa ti.

ABOn irra deebiin du’aan of biraa dhabuu qabsaawaa fi miseensa buleessa keenya Jaal Tolasaa Beegii of biraa dhabuuf gadda keenya ibsachaa, maatii, firoottanii fi ummata Oromoo bal’aaf obsaa fi jajjabina hawwina.

Qabsaawaan Ni Kufa; Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 11, 2025
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *