“Jeequmsi Tigiraay keessaa qabbanaa’us, Oromiyaatti garuu boba’aa jira.
Sagalee Qeerroo ~ Amajji 13/2023
Gabaasa The New Humanitarian baaseen Oromiyaa keessatti jeequmsiifi lolli hammaachuun ibsameera.
Lola kaabaa ilaalchisee waliigaltee baatii lama dura mallattaa’een Tigiraay keessatti lolli qabbanaa’us, kutaa biyyattii harka guddaa qabatee kan jiru Oromiyaa keessatti garuu bifa addaan lolli itti fufuusaa barruun kun ibseera.
Gabaasa OCHAn dhiyeenya baase eeruudhaan shororkeessummaa bal’aan Oromiyaa keessatti kan raawwataa jiru ta’uusaafi uummanni kuma dhibbootaan lakkaa’aman qe’ee isaaniirraa buqqa’uu ibsa.
Sabni guddaan biyyattii Oromoon cunqurfameera jechuudhaan qabsoo kan geggeessaa jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo cunqursaa kana kaasuuf humnasaa guddifatee qabsoo geggeessaa jira.
Ajjeechaa saba irratti xiyyeeffateen humnoonni Amaaraa ilmaan Oromoo hedduu dhibbootaan lakkaa’aman ykn kumoota ta’an ajjeesuun isaanii gabaasa The New Humanitarian kana keessatti eeramee jira.
“Miseensonni paartii Biltsiginnaa ajjeechaa fi jeequmsa Oromiyaa keessaa kana balaaleffachuudhaan kun akka dhaabbatu Abiyyiif xalayaa barreessaniiru. Lolli Oromiyaa keessaa giddu-seentummaa Gamtaa Afrikaatiin akka xumuramu barbaadu”
“Mootummaan Abiy waggoota sadan ykn afran darbaniif Waraana Bilisummaa Oromoo humnaan balleessuuf yaaleera. Garuu furmaata hin finne. Kanaafuu malaafi karoora haaraa barbaachisa” jedha gabaasni miseensa mana maree Itoophiyaa eeree ibse kun.
Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa mootummaa PP fi humnoota waraanaa isaa irratti xiyyeeffate bal’inaan geggeessaa jiraachuunis ibsamee jira.
Sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo kun magaalaa Finfinnee irraa fagoo kan hin taane irratti babal’achuufi Oromiyaa irra guddaa dhuunfatee akka jiru Prof. Mararaa Guddinaa wabeeffatee ibse barruun kun.
Sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo kun Lixa Oromiyaa kan dhuunfateefi waraanichi humna haaraa leenjisee bobbaasaa akka jirullee ibsameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo sochiisaa babal’isuufi bakkoota hedduu to’achuusuu dippilomaatiin maqaansaa akka hin dhahamne barbaadu The New Humanitarian’tti himeera.
“Haga nagaan bu’ee roorroon uummata keenyaa xumura argatutti hin callisnu”