Waraanni Bilxiginnaa Shaggar kaabaatti maanguddoo 1 rasaasaan ajjeesuun beekame.
(SQ-Hagayya 22,2022)
Shaggar kaabaa Salaalee Aanaa Dagamitti waraanni Mootummaa pp Manguddoo 1 Rasaasa itti roobsuun lubbuu dabarse jechuun Maddeen keenyi SQtti himan.
Maqaa sakatta’aa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Golee Oromiyaa hunda keessa kan raabsaman waraanni faashistii Bilxiginnaa, gocha dabaa saba Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.
Haaluma kanaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu hojii idilee isaa kan godhate Waraanni Bilxiginnaa, Hagayya 20,2022 Godina Shaggar Kaabaa, Salaalee Aanaa Dagamitti Maanguddoo Obbo Dhufeeraa Addunyaa Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhu itti maxxansuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQtti nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Obbo DhufeeraaAddunyaan nama siyaasa keessaa qooda hin qabnedha jedhu.