Barsiistuu Poolii Teekinikaa Damee Amboo kan taate Seenaa Abdataa qaama hin beekamneen butamtee achi buteen ishee dhabame.
(SQ- Hagayya 22,2022)
Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo keessa kan jiraattu Barsiistuu Poolii Teekinikaa Damee Amboo kan taate guyyaa kaleessaa Hagayya 21,2022 tilmaamaan Ganama keessaa sa’atii 9:00tti manaa baatee mana Amantaa(Waldaa)n deema jettee achi buuteen isheen dhabamuu maddeen keenya achi nuuf himan.
Barsiistuu Seenaan Haadha daa’ima Ganna tokko ta’uu maddeen keenyi maatii ishee odeeffachuun nuuf gabasaniiru.
Akka maddeen keenyi maatii ishee dubbisuun nuuf himanitti dhimma ukkamfamuu Barsiistuu Seenaa Abdataa faana wal qabatee sababoota lama nuuf kaasan;
Sababni 1ffaan Qaamota tika mootummaan hordofamaa turuu ishee mucaa ishee bira jiraattutti himachuu isheeti.taateen kun immoo qabatamaan jimaata darbe jechuun Gaafa Hagayya 19,2022 Guyyaa keessaa tilmaamaan sa’atii 10:30 bakka hojii barsiisummaa isheetii osoo galaa jirtuu daandii isheen miilaan imalaa jirtu irratti konkolaata Daawwitiin isaa gurraacha kooddii hin qabnee ta’e kan of keessatti nama hin mul’isneen duubaan dhufuun ishee bira gahanii dhabbatanii mana fi daandii kamiin akka galtu hordofaa turuu isaanii akkuma galtee mana geesseen nama daa’ima ishee isheef qabutti himachuu ishee.
Sababni inni lammaffan immoo Abbaan manaa ishee kan ta’e maqaan isaa Obbo Hacaaluu Fufaa kan ta’e Magaalaa Adaamaatti hojjetaa ijaarsa daandii Oromiyaa kan ta’e waliin akkuma maatiitti waan walitti bu’aniif innis an siin dhabamsiiseen kan biraan fuudha jechuun dorsisaa turuu fi erga ishee irraa adda bahee Amboo gadhiisee Adamaatti galee jiraachuu isaas isheen maatii isheetti odeeffatteetti.
Maatiin ishees dabalataan akka nuuf himanitti Abbaan manaakoo na bira hin jiru na baqatee na doorsiseera jettee nutti himatte jechuun maddeen keenya SQtti himaniiru.
Dabalataan akka maatiin nuuf himanitti Seenaan Nama siyaasa kam keessattuu hirmaanna hin qabnee fi hojii barsiisummaa isheetti qofaa bobbaatee akka jiraattu nuuf himan.
Nuyis dhaamsi keenya Uummatni magaalaa Amboo fi Naannoo ishee jiraattan akka maatii ishee deeggartanii hirmaannaa gootanii Barsiistuu dhaloota qartu kana diina ishee ukkamse jalaa akka oolchitan isiniif dhaamna!
Hub: Inni suurashee bukkee jiru Abbaa manashee Obbo Hacaaluu Fufaadha.