Waraanni Bilxiginnaa wallagga lixaa Mana Sibuutti dargaggoota 3 ajjeesun, gariin jumlaan hidhuun dhaga’ame.

Waraanni Bilxiginnaa wallagga lixaa Mana Sibuutti dargaggoota 3 ajjeesun, gariin jumlaan hidhuun dhaga’ame.

(SQ-Hagayya 21,2022)

Maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun golee Oromiyaa hunda keessa raabsamanii kan jiran Waraanni Faashistii Bilxiginnaa uummata nagaa hiraarsaa jiraachuu yeroo garaa garaatti irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan Waraanni Bilxiginnaa Hagayya 18/2022 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuu ganda Ombosha Yesuus jedhamu keessatti dargoota 3 maqaan isaanii, Ibsaa Malaakuu, Gurree Oliiqaa fi maqaan nama 1 ammaaf kan adda hin baane, badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen SQ.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti, Dargaggoonni ajjeefaman kunneen namoota siyyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qaban yoo ta’an, Badii qabaatanii osoo hin taane Waraanni Bilxiginnaa haleellaa Waraana Bilisimmaa Oromoo ofkaluu dadhabuudhaan uummata nagaa irratti aarii ba’a jira jedhu.

Ittuma fufuudhaan guyyuma kana Waraanni faashistii Bilxiginnaa Ganduma Ombosha Yesuus jedhamu keessaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun uummata nagaa jumlaan hidhaatti guuraa turuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Namoota badii tokko malee qe’eefi qabeenya isaaniirraa hidhaman kan ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:-
Waggaarii Bayyanaa
Lalisaa Indaaluu
Malaakuu Qananii
Annisaa Nagawoo fi
Tujubaa Qananii yoo ta’an kan maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuu odeeffanneerra.

Waraanni faashistii Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *