๐๐ข๐๐ก๐๐ฆ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ข๐ฒ๐๐๐ฌ๐๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐จ๐๐ก๐ ๐๐๐ฆ๐ฆ๐๐๐ง๐ฒ๐๐ ๐๐ก๐๐ฅ๐ ๐๐๐ฆ๐๐๐ ๐๐ข๐ง ๐๐๐ฅ๐ฅ๐ ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐๐ข ๐๐ก๐๐๐๐๐๐ญ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐๐๐ซ๐ ๐๐๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐ ๐ญ๐โ๐๐ง ๐๐ฎ๐ซ๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐๐ง ๐๐๐๐๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ ๐๐ญ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐๐ค๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐.
Gaggeessitootaa fi Qondaaltota Isaa Achiin Buuteen Isaanii Dhabame Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Hogganootnii fi miseensotni dhaaba keenya ABO, karaa seeraan alaa hidhamuu isaanii ilaalchisee yeroo dheeraaf walitti fufiinsaan iyyachaa erga turree booda, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bara 2022 keessa qorannoo eegalee ture. Kanumaan Boordichi koree miseensota shan: hojjettoota Boordii Biyyaaleessaa Itoophiyaa, bakka buโaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Kongirasii Federaalistii Oromoo (OFC) fi Paartii Bilxiginnaa (PP) irraa walitti dhufan of keessaa qabu hundeesse. Koreen kunis manneen hidhaa Federaalaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa jiran daawwateera. Koreen qorannoo kun daawwannaa gaggeesse kanaan tokkoffaa irratti hidhamtoonni biroon hedduu kan dhaabi keenya gabaaseen ol dabalataan akka jiran ibsee ture. Lammaffaa, warri manni murtii walaba gadhiise ammallee hidhaa keessa jiraachuu. Sadaffaa, manneen tursiisaa/hidhaa kunniin hedduun isaanii mana qulqullinaa fi qilleensa gaโaa sadarkaa gadaanaa illee hin qaban jechuudhaan gabaasee ture.
Gama kanaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa carraaqqii godhus, waanti jijjiirame xiqqaa dha. Miseensota dhaabaa seeraan ala hidhuu, rakkisuu fi miidhaa irraan gahuun daran hammaatee itti fufe. Waajjiraaleen Adda Bilisummaa Oromoo guutuu biyyattii keessatti cufamanii hafan. Hoogganootni dhaabichaa manni murtii walaba gadhiise manneen hidhaa tajaajila buโuuraa hin qabne keessatti dararamaa jiru.
Ammas, iyyannoo irra deddeebinee dhiheessinu irratti hundaaโuun, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hoogganootaa fi qondaalota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) seeraan ala hidhamanii dararamaa jiran irratti qorannoo dabalataa jalqabee jira. Kanumaan boordichi xalayaa gaafa guyyaa Ebla 18, 2023 Komishinii Poolisii Oromiyaatiif barreesseen iyyata Adda Bilisummaa Oromoo daran qorachuu akka barbaadu ibsuun koree bakka buโoota PP, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), KFO fi hojjettoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa of keessaa qabu gaafa guyyaa Ebla 20, 2023, wiirtuu tursiisaa/Mana Hidhaa poolisii Buraayyuutti argamuudhaan daawwannaa akka gaggeessu beeksisee ture.
Koreen hundeeffame daawwannaa gaggeessuuf guyyaan tokko yeroo hafe, jechuunis gaafa guyyaa Ebla 18, 2023 halkan hidhamtoonni mana hidhaa Qajeelcha Polisii Buraayyuu keessaa baafamanii gara bakka hin beekamneetti jijjiiramaniiru. Kanaanis Poolisiin Buraayyuu qorannoo iftoomina qabu gufachiisuuf hidhamtoota yeroo lammataaf mana hidhaa keessaa baasee miliqsee jira.
Koreen hundeeffame guyyaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hayyama Poolisii Buraayyuutiin karoorsetti, jechuunis gaafa guyyaa Ebla 20, 2023 Mana Hidhaa Magaalaa Sheger, Ona Burraayyuu gaโe. Ajajaan poolisii naannoo sanaa beellama sana kenne waajjira keessa hin turre. Waajjira poolisiitti Itti Gaafatamaan Qorannoo Yakkaa Inispeektar Negash Gaariin koree kanaaf argamaniiru. Kaayyoo daawwannaa kanaa erga dhagaโee booda, โdhiheenya waajjirichatti jijjiiramuuโ isaanii ibsuun, dhimmicha akka hin dhageenyee fi bakka hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hidhaa jiranii akka hin beekne ibsaniiru. Koreen kunis kun qorannoo gufachiisuuf shira dalagame ta’uu hubatee mufannaadhaan ba’e. Diraamaan kun hundi itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi qorannoo iftoomina qabu gufachiisuuf itti yaadamee kan qophaaโe ture.
Hoogganootni Adda Bilisummaa Oromoo jechuunis J/Abdii Raggaasaa, J/Mikaaโel Booran, J/Kennasaa Ayyaanaa, J/Dr Gadaa Oljiraa, J/Lammii Beenyaa, J/Gadaa Gabbisaa fi J/Daawit Abdataa manni murtii walaba isaan gaggeessus waggoota lamaan darbaniif seeraan ala Poolisiidhaan hidhamanii jiru . Amma ammoo inumaayyuu eessa akka jiran hin beekamu.
Jireenyii fi fayyaan isaanii baay’ee nu yaaddessa. Hundi isaanii dhukkuba gosa adda addaatiin rakkachaa jiru. J/Kennasaa Ayyaana erga hidhamee booda dhukkuba isa mudateen yeroo ammaa of dandaโee deemuu hin danda’u. Doktarri isaas bakka fayyaa isaaf mijataa taโee fi waldhaansa fooyya’aa isa fayyisu argachuu akka qabu gorsee jira. Gochi hidhamtoota maatii isaanii jalaa dhoksuu fi hordoffii dhiyeenyaa fi mirga qaama seera qabeessa taโeen ilaalamuu isaanii ugguruun, waliigalteewwan idil-addunyaa namoota hidhaa jala jiranii fi meeshaalee mirga namoomaa biroo wajjin walqabatan cabsuu dha.
Hidhamtoota waldhaansa fayyaa dhiyeenyaan barbaadaniif itti gaafatamummaa dhabuu fi miira namummaa dhabuun akkanaa dhiittaa mirga namoomaa suukanneessaa ifatti mootummaan raawwachaa jiru mulโisa.
Sarbiinsi mirga namoomaa gaggeessitoota isaa irratti raawwatamu daran jabaatee kan itti fufee jiru taโuu Addi Bilisummaa Oromoo ABOn ummata Oromoo yaadachiisuu barbaada. Hoogganoota isaanii fi lammiilee isaanii sarbama akkasii irraa eeguun gaโee fi itti gaafatamummaa ummata Oromoo ti.
Hawaasi Idil-addunyaa, keessattuu dhaabbileen Mirga Namoomaa, gocha namummaa hin qabne kan mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota hidhuun dararuu, tajaajila fayyaa dhorkachuu fi achi buutee isaanii dhabamsiisuun raawwachaa jiru kana itti dhiyeenyaan akka hordofan dhaammanna. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, mootummaan Itoophiyaa namoota qulqulluu/nagaa hidhee dararaa jiru osoo yeroo hin kennin hatattamaan akka gadi lakkisuuf caalaatti dhiibbaa akka godhu cimsinee gaafanna.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 21/2023
Finfinnee


Like
Comment
Share