Jaal Abdii Raggaasaa Irratti Gosti Dhibee Tiruu Hepatitis B Viral Argamuun Mirkanaa’e
(SQ – Caamsaa 13,2022)
Waggoota lamaa oliif badii fi yakka tokkoon maleetti waggoota lamaa oliif manneen hidhaa adda addaatti dabarsamee kan hiraarsamaa jiruu fi yeroo ammaa mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuutti kan argamu miseensi SHG-ABO Jaal Abdii Raggaasaa, dhukkubsatee guyyaa har’aa waldhaansaaf mana yaalaa kan deeme oggaa ta’u, bu’aan qorannoo isaa dhibee tiruu gosa Hepatitis B Viral jedhamuun qabamuu mirkaneesseera.
Ragaan mana waldhaansaa irraa argame Jaal Abdiin dhibee kanaan qabamuu mirkaneessuun, sadarkaa dhibichi irra jiru baruuf garuu dhiigni isaa qorannoo dabalataaf gara alaatti ergamee guyyoota 20 booda kan baramu ta’uu hubachiisa.
Qondaalli dhaabaa Jaal Battee Urgeessaa dhibee kanaan qabamee sadarkaa hamaa irra erga ga’ee booda, dhiibbaa karaa adda addaan godhameen xumura irratti ba’ee akka waldhaanamu kan godhame yoo ta’u, hanga har’aatti dhukkubuma kanaan hiraaraa jira.
Kana malees, qondaalli ABO Jaal Gadaa Gabbisaas dhibeema Tiruu gosa Hepatitis B Viral jedhamu kanaan qabamee kan hiraaraa jiru ta’uun beekamaa dha. Jaal Gadaan ba’ee akka waldhaanamuuf manni hidhaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuu hayyama waan dhorkateef, haala ulfaataa keessatti dhibee kanaan mankaraaraa jira.
Hogganootnii fi Qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuutti argaman:
J/ABdii Raggaasaa
J/Mikaa’el Booran
J/Kennasaa Ayyaanaa
J/Lammii Beenyaa
J/Daawit Abdataa
J/Gadaa Gabbisaa fi
J/Dr.Gadaa Oljirraa ti.
Akkaataa itti mana hidhaa Galaan keessa turanii fi haala amma mul’ataa jiruun jaallan kaanis dhibee kana irraa walaba ta’uun isaanii kan shakkisiisu ta’uun mul’ataa jira.