Ajjeechaan jumlaa lammiilee nagaa irratti raawwatamaniifi raawwatamaa jiran qaama idil addunyaa bilisa ta’een akka qorataman Partiin Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n gaafateera.
(SQ-Caamsaa 12,2022)
Kongirasiin Federaalawaa Oromoo rakkoolee nageenyaafi diinagdee dabalatee haala waqtaawaa naannoo Oromiyaa fi biyyattii ilaalchisee waajjirasaa mummee magaala Finfinneetti argamutti Kamisa Caamsaa 12, 2022 ibsa kennee.
Dhaabichi “sa’aatii amma itti haasa’aa jirru kanatti iddoowwan Oromiyaa garagaraatti wal waraansi ija addunyaarraa dhokatee adeemsifamaa jira” jechuun haala nageenyaa godinaalee Oromiyaa garagaraa jiru ibseera.
Ji’oota muraasa darbanitti Oromiyaa keessatti qofa lammiileen nagaa 297 ol humnootii mootummaan ajjeefamaniiru kan jedhu KFOn, namoonni kuma 500 ol immoo sababa waraanaatiin buqqa’uu himeera.
UN’tti dhaabbati Dhimma Gargaarsaa qindeessu (UNOCHA) ibsa xumura torban darbe baasen, Naannoo Benishaangul, Godina Kaamashii dabalatee jiraattonni 500,000’tti tilmaamaman buqqa’uu dhiheenya ibsuun ni yaadatama.
“Namoonni ajaja mana murtiin ala hidhamu, hiraarsis irratti gaggeeffama; gama kaaniin ammoo murtii malee ajjeefamu, ukkaamfamanii dhabamsiifamu” jechuun ibse KFOn.
Kana malee sirni haqaa biyyattii laafuufi ajajni manneen murtii qaamolee bulchiinsaatiin kabajamaa akka hin jirres kaaseera paartichi ibsa isaa kanaan.
Gama biraatin biyyattiin sababa waraanaatiin kufaatii diinagdee keessa seenuu kan hime KFOn “wal waraansi yoo furmaata hin argatiin gaaga’amni siyaasaafi kufaatiin diinagdee biyyattii daran hammaataa fi walxaxaa deemun isaa hin hafu” jechuun yaaddoo qabus himeera.Kanaafis wal waraansi dhaabbachuun rakkooleen jiran marii siyaasaan furamuu akka qabaniif waamicha taasise.
Itti dabalunis, qaamoleen naannoo Oromiyaa fi naannolee biyyattii biroo keessatti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa jumlaa raawwatan hundi seeratti akka dhiyaatanis gaafateera kFO’n.
Humnootiin Faannoo fi milishootni akksumas humni addaa naannoo Amaaraa naannichaan deeggaramuun naannolee Amaaraa, Oromiyaafii Benishaangul Gumuz keessatti lammiilee nagaa ajjeessaa jiraachuu KFOn ibsa isaa kanaan hime.Humnoonni kun saamicha midhaanii fi loonii akkasumas manneen gubaa jiraachus eeree.
Kana malees humnootiin naannicha keessatti karaa seeraan alaatin gurmaa’un hidhatan nageenya naannichaa, naannolee ollaafii guutuu biyyattiif sodaa ta’uu ibseera.
“Yeroo ammaa kana sochiin maqaa marii biyyaalessaatin geggeefamaa jiru adeemsa qoosaa ta’uu biraa darbee rakkoolee jiran kan daran hammeessu adeemsa balaa qabudha” kan jedhe KFOn.
Komishiniin marii biyyaalessaa ijaarames ta’e adeemsichi walaba fi hirmaachisaa miti.Haala amma biyyattii keessa jirun Komishiniin marii biyyaalessaa jijjiirama fiduu akka hin dandeenye dura taa’aan dhaabichaa Profeesar Mararaa Guddinaa sodaa qaban himan.
Marichi kanneen hidhannoon bosona jiran dabalatee qaamolee hunda kan hirmaachiseefi haala qaamni walabaa jirutti adeemsifamuu akka qabus himeera.
Kanaafis mootummaan “adeemsas ta’e bu’aa marii biyyoolessaa kophaatti to’achuuf godhu dhaabee ardaa siyaasaa akka banu gaafanna,” jedhe KFO’n!