Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN har’a marsaa 5ffaaf Mana Murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatan.

Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN har’a marsaa 5ffaaf Mana Murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatan.

(SQ-Caamsaa 12,2022)

Koreen qindeesituu mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN beellama mana murtii yeroo darbeen har’atti akka dhihaataniif Manni Murtii beellama qabe turu gabaasun keenya niyaadatama.

Beellama qabamee hordofee har’a caamsaa 12,2022 ykn 4,2014 ALI si’a 5ffaaf Mana Murtii Walii Gala Oromiyaa Calcaliitti kan dhiyaatan Koreen Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Abbaan Murtii galmee isaanii ilaaluun himati dhihaate ifaa akka hin taane fi kewwaata namnu ittin himaatamu hin dandeenye of keessatti qabatee jira jechuun yeroo itti anuuf abbaan Alaanga himata isaa sirreesse akka dhiheesuuf Caamsaa 24/ 5/2022 (16/2014 ALH ) manni murtii beellama qabe jira.

jaallan kunneenis Mana sirreessa Daalattiitti deebifamanii jiraachuu odeeffanneerra.

Jaallan koreen Qindeessituun Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa kunneen

1)Qaasiim Abdulaahii Abbaa Waarii
2) Seefuu (J Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3)Mahaammad Waadoo
4) Lammii Tasfaayee Baraartii
5)Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abduraahim
6) Mahammad Isaa Yeesuuf
7)Toofiiq Amaan Roobaa
Adiinaan Yoolsuuf Abdoo
9) Najaash Mahammad Amiin
10) Usmaan Adaam Ahimad
11) Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12) Callaa Usmaa’eel
13) Mahaammad Ahimad Mahaammad
14) Dachaasaa Wiirtuu
15) Kadiir Sayiid Jiiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an Gaazzexeessitoonni ONN Galmee kana jalatti himataman ammoo
1) Dassuu Duulaa fi
2) Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *