Ilmaan Oromoo rakkoo hongee baqatanii Harargee irraa wallagga bahaa qubsiifatamanii jiraachaa turan jumulaan ajjeefaman.

Ilmaan Oromoo rakkoo hongee baqatanii Harargee irraa wallagga bahaa qubsiifatamanii jiraachaa turan jumulaan ajjeefaman.

<Sagalee Qeerroo-Mudde4/2022>

Oromoon Oromiyaa keessatti jiraachuu akka hin dandeenyetti finxaaleyyootni bakka barbaadanitti murna qawwee of harkaa qabuun deeggaramanii jumulaan qe’ee fi qabeenya isaa irratti Oromoo ajjeesaa jiru. tibba kana wallaggaa bahaa keessatti Saโ€™ati 24 keessatti Ilmaan Oromoo Human Finxaleyyii Amaaraa fi Rayyaa Ittisaa Biyyaa RIBn gaafa Sadaasa 28/2022 namootni Oromiyaa bahaa Harargee irraa bara 1996 rakkoo hongeen kana buqqaaโ€™anii wallagga bahaa keessa qubsiifamanii jireenya godhatanii jiraataa jiranitti jumulaan ajjeefamanii jiru.

Maqaa Namoota ajjeefaman kana Sagaleen Qeerroo argate qofa kanneen armaan gadiiti.

1, Asinaaqe Kaabaa
2,Usumaaโ€™el Dassaalee
3, Umaar Mohammaad
4, Shukuur Mohammaad
5, Zeenit Saayid
6, Mohammed Kaamil
7, Tamaasgeen Malkaa
8, Muhee Daawud
9, Muhammaad Alii
10, Hibiraahim ALii
11, Kaamil Badiiru
12, Ahimaad Kaamil
13, Umaar Alii
14, Warquu Gabisaa
15, Madiina Kaamal
16, Xoobiyaa Kaamal
17, Ibiraahim Alii
18, Taaju Mohammaad
19, Asinaaqe Abaabu
20, Sanii Kaamal
21, Ahimaad Kaamil
22, Samiraa Saayid
23, Faaxumaa Jibiriil
24, Xilaahun Kabaade

Namoota ajjeefaman kana keessaa kanneen maatii isaanii waliin wareegaman:
1. Musaa Alii Usumaan maatii nama 10 waliin
2.Jaamal Damxoo maatii nama 5n waliin
3. Musaa Alii miseensa maatii nama 7 waliin
4. Ababaa Dhufeeraa maatii 6 waliin
5. Musaa Yuusuf maatii nama 5 waaliin
6. Qaasim Siraaj maatii nama 3 waliin
7. Kaamal Fadiluu miseensa maatii 21 waliin
Bakka tokkotti kan ajjeeffaman tahuun barameera.

Ajjeechaa jumulaan tibbana bifa daangaa Oromiyaa Weeraraan cabsanii qabachuuf finxaaleyyii Amaaraan taasifamuun Oromiyaa Godina Horroo Guduruu aanota akka Amuruu,Hagamsaa,Jaardegaa Jaartee fi godina Wallaggaa Bahaa aanota akka Kiiramuu fi Guttin dabalatee gandoota 19 ol tahan irratti humnootni mootummaa naannoo Amaaraan deeggaramee weerara bane ummata guutummaatti buqqisuun kanneen argate ajjeesuun qabeenyaas manneen jireenyaa waliin barbadeessee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *