Godina Salaalee Darraatti Finxaaleyyiin Amaaraa Haleellaa banan

Finxaaleyyiin Faannoo kaleessa irraa jalqabanii Godina Salaalee Darraa haleelaa jiru.

[SQ,Onkoloolessa 2,2023]

Finxaaleyyiin Faannoo kaleessa Onkoloolessa 1,2023 gara galgalaa Aanaa Darraa bakka Sanqallee jedhamutti dhukaasa jalqaban.

Hanga ammaatti uummati Oromoo Darraa ofirraa ittisaa akka jiru kan beekame yoo ta’u, qaamni biyyan bulcha jedhu garuu dhukaasa hanga ammaa kana adeemaa jiru dhoksuun lola kanaan namoota qe’ee isaaniirratti of ittisuuf madoo ta’aan gara mana yaalatti geessuuf illee in ifaajne.

Uummati Darraa hanga ammaa kanatti rashina mataa isaaniitiin ittisaa jiran,uummati Oromoo akka isaan deeggaru dhaammataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *