Yakka Duguuggaa Sanyii finxaaleyyii Amaaraa Mootummaan hundoofte Ummata nagaa jumulaan ajjeesuun qabeenyaa isaanii saamte.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa keessatti hidhattoota faannootiin lubbuu jiraattotaa 26 dabarsanii jiru.
Hidhattoonni faannoo guyyaa har’aa Hagayya 29/2025 humna guddaadhaan ganda kanatti seenuudhaan jiraattota dhalattoota Oromoo tahan irratti erga saamicha raawwataniin booda bakka uummanni rafutti dhukaasa irrtti banuun ajjeechaa yoo raawwatan kumootaa qe’eerraa buqqisanii jiru.
Hidhattoonni faannoo kun meeshaa gurguddaafi humna qindaa’aa ta’een waan galanii bulaniif gama uummataan wanti of irraa ittisuuf yaalames hin turre jedhama.
Ummanni Oromoo Godina Horroo Guduruu Abee Dongoroo kan ta’an ammoo meeshaa gahaafi humna gahaa waan hinqabneef humni nageenyaa Oromiyaa naannichajirus meeshaalee waraanaa faannoo of irraa ittisuu dadhabuun duubatti dheessuu jiraattonni gandichaa dubbatu.
Dhukaasni guddaanis guyyaa guutuu hanga sa’aatii 8:00 waaree boodaatti uummatarratti dhukaafamaa turuufi horii/loon jiraattotaa saamanii fudhatanii deemaniiru.
Jiraattonni gandichaas erga buqqa’anii gandicha gadhiisanii deemanis saamichatti deebi’anii akkuma suuraa irraa argamu kana reebichaafi ajjeechaa raawwachuu odeeffannoofi ragaan arganne ni mul’sa, Egaa carraan ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti dukkanaa’aafi abdii dhabeessa ta’uu agarsiisa, kaan hin boo’a, kaan hin mootummaa Oromootu biyya bulcha jedhee dhiichisa, kaanimmoo gandaan walqoodee wal hunkuruutti jira.
Lolli guyyoota lamaan darban kana gama Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruun hidhattoota faannoon weerara lafa Orlmiyaa dhuunfachuuf taasifamu gama kibba Oromiyaa Booranaa fi Baalee irraan humni liyyuu haayilii Somaalee baneen lubbuun namootaas darbaa jira.
Hanga gabaasa kana qindeessinetti gama mootummaa biyya bulchuunis tahe Mootummaa Naannoo Oromiyaan wanti jedhame hin jiru.